Yaa Warra OBN Afaan Oromoo / OBN Afaan Oromoo Plus Gaaffii maqaa keessan laallattu tana qabadhaa. OBN miidiyaa mootummaati. Mootummaan sun Mootummaa Naannoo Oromiyaati. Afaan hojii ka Mootummaan Naannoo Oromiyaa ittiin hojjechuuf Heera Oromiyaatiin dirqama qabu, Afaan Oromooti. Duuba isn OBN Afaan Oromoo jettanii ibsa maqaa OBN irratti kan godhattaniif maalifi? Sababa qabduu? Miidiyaaleen addunyaa tanaa harki caalaan, Afaan ijoo ittiin tamsaasan san maqaa isaanirratti hin maxxanfatan. Afaanota dabalataa/biroo ittiin tamsaasan garuu maqaa miidiyichaatti aansanii ibsa maqaa godhachuun maxxanfau. Fkn BBC News afaansaa ijoon 'English' dha, garuu "BBC News English" hin jedhu, BBC News Afaan Oromoo , BBC News Amharic fi kkf jedha malee. EBC Ahmaric kan jedhu jiraa? Hin jiru. Afaan "default" tahe "Amharic" dha. Duuba, Afaan Oromoo afaan hojii/ijoo OBN mitii? OBN qaama Mootummmaa Oromiyaa mitii? Afaan Oromoo ganda ormaa (akka BBC, VOA f...
🌍romia, Ethiopia, Horn, Africa & Global Geopolitical Issues