Skip to main content

Yaa Warra OBN Afaan Oromoo / OBN Afaan Oromoo Plus


Yaa Warra OBN Afaan Oromoo / OBN Afaan Oromoo Plus 


Gaaffii maqaa keessan laallattu tana qabadhaa. OBN miidiyaa mootummaati. Mootummaan sun Mootummaa Naannoo Oromiyaati. Afaan hojii ka Mootummaan Naannoo Oromiyaa ittiin hojjechuuf Heera Oromiyaatiin dirqama qabu, Afaan Oromooti. Duuba isn OBN Afaan Oromoo jettanii ibsa maqaa OBN irratti kan godhattaniif maalifi? Sababa qabduu?

Miidiyaaleen addunyaa tanaa harki caalaan, Afaan ijoo ittiin tamsaasan san maqaa isaanirratti hin maxxanfatan. Afaanota dabalataa/biroo ittiin tamsaasan garuu maqaa miidiyichaatti aansanii ibsa maqaa godhachuun maxxanfau. Fkn BBC News  afaansaa ijoon 'English' dha, garuu "BBC News English" hin jedhu, BBC News Afaan Oromoo , BBC News Amharic  fi kkf  jedha malee. EBC Ahmaric kan jedhu jiraa? Hin jiru. Afaan "default" tahe "Amharic" dha.

Duuba, Afaan Oromoo afaan hojii/ijoo OBN mitii? OBN qaama Mootummmaa Oromiyaa mitii? Afaan Oromoo ganda ormaa (akka BBC, VOA faatti yoo tahee malee Oromiyaa keessati maxxantuu maqaa taasifamuun sirrii dhaa? Moo maaltu yaadame? Afaan Amaaraa afaan ijoo Biyyattiifi naannolee hundaa tahuuf deemaa? Nuuf hin galle. 


Ammoo, 'Bio' keessan keessatti, "Adama, Ethiopia" jettu. Ajaa'ibni keessan hin dhumu. Mee "Adama, Oromia, Ethiopia" yoo jettan Ethiopian ni naafatti moo ni muufattii?🤔

Miidiyaan AMN jedhamus akkuma keessan kana Afaan Oromoo maxxantuu taasifate maqaasaarratti. Yoo Finfinneen magaala muummittii Oromiyaatti jettanii Heera Oromiyaatti amantu taheef, kan AMN kana. Gaaffuma kaasne malee isinuu Adaamaa jirtu😁

Rakkannee isin faana raakamne, bara 1982 A.L.H kaasee hamma har'atti, waggaa 30+, yaa warra Oromoofi Oromiyaaf manaa hin bahin, yaa warra karaarraa Oromooi Oromiyaatti gore, Booji'amtoota Darguu+ኢህዴን, Ayyaanlaallattoota, DhDUO, ODP har'ammoo Bilxiginnaa! Isintu Oromoo, Oromiyaa, Afaan Oromoofi ammammoo saboota Itoophiyaa hundatti taphataa jira. 

_-_-_
Digital Oromia - DO

Comments

Popular posts from this blog

License Plates and Power: What Vehicle Registration Systems Reveal About Federalism, Decentralization and Centralization — Around the World

   License Plates and Power: What Vehicle Registration Systems Reveal About Federalism, Decentralization and Centralization — Around the World 

🌾 Waaqa: The Oromo Concept of God and Its Comparison with Islam

🌍 Waaqa Tokkicha and Tawḥīd: Understanding the Oromo Concept of God in Comparison with Islam  Across Africa, long before the arrival of organized world religions, many communities already believed in a Supreme Creator who governed life, nature, and morality. Among the Oromo, this divine being is known as Waaqa Tokkicha — the One God who created and sustains everything. With the coming of Islam and Christianity, this indigenous understanding encountered new theological systems, raising important questions of continuity and contrast. Today, one of those questions re-emerges during Irreecha , the Oromo thanksgiving festival: can a Muslim participate in Irreecha without violating the principle of Tawḥīd — the Oneness of Allah? To explore that, we must first understand the essence of Waaqa, the Oromo concept of divine unity, and compare it with the Islamic and broader monotheistic traditions.  1. Oromo Indigenous Belief: The Concept of Waaqa Before the spread of Islam and Chris...

The Architecture of Misinformation: A Comprehensive Deconstruction of the March 2026 Amnesty International Report on Oromia

  The Architecture of Misinformation: A Comprehensive Deconstruction of the March 2026 Amnesty International Report on Oromia The release of the Amnesty International report on March 5, 2026, titled "No One Came to My Rescue: Gang Rape, Sexual Slavery, and Mass Displacement of Women in Oromia, Ethiopia," has ignited a fierce debate regarding the integrity of human rights monitoring in conflict-affected regions. While the documentation of sexual and gender-based violence is a critical necessity in any international armed conflict, the methodology, framing, and singular focus of this specific briefing suggest a departure from rigorous investigative standards. The Oromo Liberation Army (OLA) High Command has characterized the findings as an "investigative failure, the weaponization of narrative , and a portrait of bias," alleging that the report effectively launders the reputation of state-sponsored death squads by taking government-curated propaganda at face value. T...