Skip to main content

JI’OOMEETIRII OROMUMMAA

                                                         


                                                            JI’OOMEETIRII OROMUMMAA



Waxabajjii 19, 2023 (Irra Deebiin)

Moosisaa Galataa Aagaa'tiin

Waraqaa mata-dureen "Ji'oomeetrii Oromummaa" jettu kana nama hedduu tu gaggaafata. Waxabajjii bara 1994, Moosisaa Galataa Aagaa akka barreesse, Waxabajjii 19, 2023 ammoo gaaffii namootaatiin sabaahimaa hawaasaa #Facebook gubbaatti akka maxxanse ragaaleen ni mirkaneessu. Waggaa 30 dura ta’uusaa ti. Jalqaba barruu eebbaa (graduation bulletin) kan Dhaabbata Leenjii Barsiisotaa Adaamaa (Adama TTI) irratti akka maxxanfame hima Aabba Moosisaan. Itti aansee barruu eebbaa barattoota Oromoo Yuuniversiitii Finfinnee gubbaatti, boodarras barruu (magazine) yeroo san Afaan Oromoon qophooftu "Madda Walaabuu" jedhamtu irratti maxxanfame. Barreeffamni kun fuula 4 duwwaa kan qabu tahee, kan namoonni isa beekanis, kan isa hin beeknes ittiin isa yaadatan akka taate ibsa, Aabba Moosisaan.

Mee armaan gaditti dubbisaatii, waan yeroo sana barreessichi akeekee barreesse har'allee dhugaa dhaa moo wanti jijjiirame/hir’ate/hamqate/irra darbe jira laata? Waan jedhurratti yaada keessan kaa’aa. 

Kan suuraan maxxanfame barreeffamicha akkuma yeroo san turetti yoo ta’u kan armaan gadii kanarratti garuu gullaalliin muraasni taasifameera. 


Ji'oomeetrii Oromummaa     

Xiinxala  Oromummaa Herregaan Fakkeeffamee Barsiisaa Moosisaa Galataa Aagaatiin, Waxabajjii, Bara 1994 – Instituutii Leenjii Barsiisota Adaamaatti Barreeffame Dhiyaate  

1. Seensa

Barruu kana keessatti maalummaa Oromoo ilaalchisee hiikoon (definitions) adda-addaa kennamaniiru. Jechootni haaraan, pooschuleetotnii (postulates) fi tiyeeramootni (theorems) kennaman hundi kanneen barreessaa barruu kanaatiin moggaafamani dha.

Akka amantaa barreessaa kanaatti, namni tokko "ani Oromoo dha" ofiin jechuun duratti, ulaagaalee barruu kana keessatti kennaman kan guutu ta'uu isaa mirkaneeffachuu qaba.  Oromoo guutuu ta'uudhaafis ulaagaalee kennaman  keessaa  kan jalaa hir'atan yoo jiraatan dafee  of sirreessuuf isa  gargaara. Kana malees fira  isaa fi diina  isaa  akka  adda  baafatuuf gorsa gaarii ta'a.

Barreeffamni kun ilmaan Oromoo of dagatanii jiran of barsiisee tokkummaa Oromoo Oromummaa irratti hundaa’e akka jabeessu hawwii barreessaa kanaa ti.

2. Oromummaa     

Bara   durii  nama Oromoo jedhamu tokko tu ture. Oromoonis ilmaan lama dhalchee  qaba  ture. Inni angafaa Boorana, inni quxisuu Baareentummaa jedhamu. Booranaa fi Baareentummaanis ijoollee horan. Ijoolleen  isaanis ijoollee  horan. Akka kanaan wal horuun ittuma  fufee  bara  dheeraa  keessatti  sabni Oromoo jedhammu gaanfa Afrikaatti argamuu danda’ee jira. 

Hiikoo 2.1. Hortee Oromoo

Hidda tartiiba Oromoon itti wal hore ibsu hidda hortee Oromoo jenna.

Hiikoo 2.2. Biyya Oromoo

Dachee gaanfa Afrikaatti argamu keessaa dagni (territory) sabni Oromoo bara  dheeraatiif dhuunfaa  isaa  godhatee, irratti wal horee jiraachaa turee fi jiru  walitti qabaatti Oromiyaa jedhama. Oromiyaa jechuunis biyya Oromoo jechuu dha.


Hiikoo 2.3. Oromoo Dhiigaa


a) Namni Oromiyaa keessa jiraachaa jiru tokko karaa hadha isa ykn karaa abbaa isaa yammuu duubatti  lakkaa'amu hidda  hortee Oromoo keessa kan jiru yoo ta'e Oromoo Dhiigaa jedhama.

b) Namni jireenyi isaa Oromiyaa keessa hin ta 'iin tokko karaa haadha isaas karaa abba   isaas yoo hidda hortee Oromoo keessa jiraate qofa Oromoo Dhiigaa jedhama.

c) Namni  karaa haadha isaa ykn  karaa abbaa isaa qofa hidda  hortee Oromoo keessa jinu tokko Oromiya irraa ala jiraachaa turee yoo Oromiyaatti deebi'e, guyyaa  Oromiyaa seenee qabee Oromoo Dhiigaa jedhama.


Hiikoo 2.4. Oromoo Afaanii

Namni tokko yoo afaan Oromoo sirriitti  dubbachuu danda'a ta'e Oromooo Afaanii  jedhama.


Hubadhu:

a) Oromoon Afaanii  hundi Oromoo Dhiigaa  miti.

b) Oromoon Dhiigaa hundi  Oromoo Afaanii miti.


Hiikoo 2.5. Oromoo Dheedhii

Namni  afaanii fi aadaa hawaasa Oromoo sirriitti beeku tokko Oromoo Bilchaataa  jedhama. Namni afaan Oromoo dubbatu tokko yoo aadaa hawaasa Oromoo sirriitti hin beeku ta'e Oromoo Dheedhii jedhama.  


Pooschuleeta 2.6:  Oromoo Bilchaata namni ta'e tokko Oromoo Afaanii ti.


Hubadhu: 

a) Oromoon Af'aanii hundi Oromoo Bilcha:ataa  miti.

b) Oromoon Dheedhiin hundi Oromoo Afaanii ti. Haa ta'u malee  Oromoon Afaanii hundi Oromoo Dheedhii miti.


Mallattoolee Oromoo Bilchaataa:

a) Afaan   Oromoo utuu  jechoota afaan alagaa itti hin  makiin  qulqulleessee dubbata.

b) Abbaa isaa irraa eegalee gara duubaatti akaakayyuu isaa yoo xiqqaate haga shaniitti lakkaa'uu danda'a.

c) Hibboo, tapha ijoollee,  sheekkoo, makmaaksaa fi sirboota adda  addaa hawaasicha  keessatti beekaman himuu danda'a.


Hiikoo 2.7. Sab-boonaa &Adoodaa

Namni Oromoo Dhiigaa   ta'e  tokko:

a) Oromummaa isaa akka jaalatuuf akka itti boonu haala adda addaatiin kan ibsatu yoo ta'e, Oromoo Sab-boonaa jedhama.

b) Oromoo sab-boonaa miti  yoo  ta'e, Oromoo Adoodaa jedhama.


Hubadhu:

a) Oromoon Sab-boonaan hundi Oromoo Afaanii miti; Oromoo Bilchaataas miti.

b) Oromoon Adoodaan Oromoo Afaaniis, Oromoo Bilchaataas ta’uu ni danda’a.


Mallattoolee Oromoo Adoodaa: 

a) Utuu afaan Oromoo beekuu afaan alagaatiin dubbachuu filata.

b) Maqaa isaas ta’e maqaa ijoolleesaa afaan alagaatiin moggaasa.

c) Kitaabota dubbisu, sirboota dhaggeeffatuu fi do’ii ilaalu irratti kan Oromoorra kan alagaa filata.

d) Hiriyyoota Oromoo irra kan alagaa filata.

e) Seenaa gabrummaa jaarraa tokkoof hawaasni Oromoo keessa darbe hin beeku; beekuus hin fedhu; yoo beekes itti hin dhaga’amu.

f) Mirga abbaa biyyummaa Oromoon Oromiyaa irratti qabaachuuf malu hin beeku; beekuus hin fedhu; yoo beekes itti hin dhaga’amu.


Hiikoo 2.8 Oromoo Qara


Oromoon Sab-boonaan mirga abbaa biyyummaa Oromootti amanu tokko

a) yoo tooftaa fi beekumsa ga’aa qabaatee fi abshaala ta’e, Oromo Qara jedhama.

b) Yoo  Oromoo Qara miti  ta'e, Oromoo Doomaa jedhama.


Hubadhu

Oromoon Qarri hundi Oromoo Bilchaataa miti.


Pooschuleeta 2.9: Namni tokko  Oromoo Qara yoo ta’e:


a) Oromoo Dhiigaa ti.

b) Oromoo Sab-boonaa dha.


Hiikoo 2.10: Goota & Qorraa

Namni Oromoo Bilchaataa ta 'e tokko:

a) Mirgi  hawaasa Oromoo tokko yammuu dhiibamu cal'isee ilaaluuf kan obsa  hin  qabne ta'uu isaa  dalagaa gootummaa gaafatuun kan mirkaneessu yoo ta'e,  Oromoo Goota jedhama.

b) Oromoo Goota miti yoo ta'e, Oromoo Qorraa jedhama.


Hubadhu: 

Oromoon Gooti hundi Oromoo Qara miti; Oromoon Qarri hundi Oromoo Goota miti.


Pooschuleeta 2.11. Oromoo Goota


Namni Oromoo Goota ta’e tokko:

a) Oromoo Sab-boonaa dha;

b) Oromoo Bilchaataa dha.


Hiikoo 2.12. Oromoo Guutuu

Namni tokko Oromoo Guutuu dha jechuun himoota ja’an armaan gadi wajjiin wal madaala:

a) Namni kun Oromoo Dhiigaa ti.

b) Namni kun Oromoo Afaanii ti.

c) Namni kun Oromoo Bilchaataa dha.

d) Namni kun Oromoo Sab-boonaa dha.

e) Namni kun Oromoo Qara dha.

f) Namni kun Oromoo Goota dha.

Hiikoon Oromoo Guutuu himoota ja’an armaan oliitiin ibsameera. Haa ta’u malee himoota ja’an kana keessaa lama qofaan yoo guutaman, haalli “Oromoo Guutuu dha” jechuuf nu dandeessisu jira. Kunis tiyeeramii (theorem) armaan gadiitiin ibsama.


Tiyeeramii 2.13. (Tiyeeramii Qara+Goota=Guutuu)


Namni tokko Oromoo Qaraa fi Oromoo Goota yoo ta’e, Oromoo Guutuu dha.


Ragaa (Proof):

Dhugummaa Tiyeeramii kanaa mirkaneeffachuuf, himoonni ja’an Oromoo Guutuu ibsan (kanneen Hiikoo 2.12 keessatti kennaman) dhugoomuu isaanii mirkaneeffachuun ga’aa dha. 


Akka kanaan:

1) Namni kun Oromoo Dhiigaa ti. (Akka Pooshuleeta 2.9-tti)

2) Namni kun Oromoo Afaanii ti. (Akka Pooshuleetota 2.6 fi 2.11-tti)

3) Namni kun Oromoo Bilchaataa dha. (Akka Pooschuleeta 2.11-tti)

4) Namni kun Oromoo Sab-boonaa dha. (Akka Pooschuleeta 2.11-tti)

5) Namni kun Oromoo Qara dha. (Tiyeeramii keessatti kenname)

6) Namni kun Oromoo Goota dha. (Tiyeeramii keessatti kenname)

7) Kanaafuu, namni kun Oromoo Guutuu dha. (Himoonni Oromoo Guutuu Hiikoo 2.12 keessatti kennaman ja’anuu dhugoomuu armaan olitti waan mirkaneeffanneef )


3. Keessummummaa

      

Hiikoo 3.1. Keessummaa Oromoo


Namni Oromoo Dhiigaa hin ta’iin tokko yoo Oromiyaa keessatti argame, hanga guyyaa Oromiyaa keessaa ba’uutti , Keessummaa Oromoo jedhama.

Hubadhu: 

Namni Oromoo Afaanii ta’e tokko Keessummaa Oromoo ta’uu ni danda’a; Oromoon Bilchaataanis Keessummaa Oromoo ta’uu ni danda’a.


Hiikoo 3.2. Fira Oromoo & Diina Oromoo

Namni Keessummaa Oromoo ta’e tokko, mirga abbaa biyyummaa Oromoon Oromiyaarratti qabu:

a) Waan danda’uun kan deggersa kennu yoo ta’e, Fira Oromoo jedhama.

b) Waan danda’uun kan gufachiisuuf tattaafatu yoo ta’e, Diina Oromoo jedhama.


Hubadhu: 

Oromoon Afaanii tokko Diina Oromoo ta’uu ni danda’a. Oromoon Bilchaataan tokkos Diina Oromoo ta’uu mala. Haa ta’u malee Oromoon Dhiigaa Diina Oromoo hin jedhamu.


Hiikoo 3.3. Soddaa & Silmii

Keessummaan:

a) Diina Oromoo hin ta’iin tokko yoo karaa fuudhaaf heerumaa Oromoo Dhiigaa tokkotti michoome, Soddaa Oromoo jedhama.

b) Diina Oromoo ta’e tokko yoo karaa fuudhaaf heerumaa Oromoo Dhiigaa tokkotti michoome, Silmii Oromoo jedhama.


Pooschuleeta 3.4.  (Pooschuleeta Diinummaa)


Keessummaan Oromoo meeshaa waraanaa hidhatee Oromiyaa keessatti argame tokko:

a) Yoo meeshaa hidhate sana mirga saba Oromoo kabajchiisuuf ykn diina Oromoo irraa ittisuuf akka itti gargaaramu dalagaadhaan mul’ise, Fira Oromoo ta’a.

b) Yoo meeshaa hidhate kanaan nama Oromoo Dhiigaa ta’e tokko irraan miidhaa geessise ykn geessisuuf yaalii godhe, ykn mirga Oromoo sarbuuf yaalii godhe, Diina Oromoo ta’a.


Hiikoo 3.5. Dhiiga Diinome

Namni Oromoo Dhiigaa ta’e tokko yoo Diina Oromoo wajjiin ta’ee dalagaa diinummaa kan dalagu ta’e, Dhiiga Diinome jedhama.


Hubadhu: 

a) Dhiigni diinome Diina Oromoo miti.  Yoo gorfame ykn yaada naanneffate, dalagaa diinummaa isaarraa dhaabbachuu danda’a. Oromoo Guutuuttillee jijjiiramuu ni mala.

b) Namni Diina Oromoo ta’e tokko yoo gorfame ykn yaada naanneffate, gara Fira Oromootti jijjiiramuu ni mala.


Mallattoolee Dhiiga Diinomee:

1.  Seena saba Oromoo sirriitti hin beeku.

2. Silmii Oromootiin qabamee jira.

3. Diina Oromoo irraa dantaa xixxiqqaa tokko-tokko ni argata.

4. Sababa adda-addaatiin hawaasa Oromoo keessatti kan jibbame dha.

5. Sammuu nama biraatiin geggeeffama; of irratti amantee hin qabu.

6. Soba dhugaa fakkeessee dubbachuu baay’isa.


Pooschuleeta 3.6.  Dhiiga Diinome


Namni Dhiiga Diinome ta’e tokko, ulaagaalee afran armaan gadii keessaa yoo xiqqaate tokko guutuu qaba:-


a) Namni kun Oromoo Dheedhii dha.

b) Namni kun Oromoo Adoodaa dha.

c) Namni kun Oromoo Doomaa dha.

d) Namni kun Oromoo Qorraa dha.


Hubadhu:  

Namni Dhiiga Diinome ta’e tokko haala adda-addaatiin yoo nama Oromoo Guutuu ta’e tokkotti michoome, Oromoo Guutuutti jijjiiramuu ni danda’a.


Hiikoo 3.7. Diina Loo'aa

Keessummaan Oromoo afaaniin Fira Oromoo fakkaatee harka wayyaa jalaatiin garuu dalagaa diinummaa hojjetu, Diina Lo’aa jedhama.


Pooschuleeta 3.8. Michummaa


Namni Diina Lo’aa ta’e tokko haala adda-addaatiin nama Oromoo Doomaa ta’e tokkotti  yoo michoome, nama Oromoo kana gara Dhiiga Diinomeetti jijjiira.


Hubadhu:  

Diinni Lo’aan diina dhokataa dha. Kanaafuu, hawaasa Oromoo keessatti akka Fira Oromootti fudhatama.


Hiikoo 3.9.  Oromiyaa Bilisoomte

Himoota armaan gadii keessaa tokko yoo guutame Oromiyaan Bilisoomte jenna.

a) Namni Oromoo Dhiigaa ta’e hundi Oromoo Guutuu dha.

b) Namni Keessummaa Oromoo ta’e hundi Fira Oromoo ti.

c) Hawaasa Oromoo keessa namni Dhiiga Diinome ta’e hin jiru.

d) Keessummaan meeshaa waraanaa hidhate Oromiyaa keessa hin jiru.


Hubadhu: 

Akka Hiikoo 3.9'tti, Oromiyaa bilisoomte argachuuf himoota armaan gadii keessa tokko qofti akka dhugoomu taasisuun ni ga’a:

a) Nama Oromoo Dhiigaa ta’e hunda gara Oromoo Guutuutti jijjiiruu.

b) Keessummaa Diina Oromoo ta’e hunda Oromiyaa keessaa dhabamsiisuu.

c) Nama Dhiiga Diinome ta’e hunda gara Oromoo Guutuutti jijjiiruu; kan jijjiiramuu dide Oromiyaa keessaa dhabamsiisuu.

d) Keessummaa Oromoo meeshaa waraanaa hidhate hunda hiiksisuu.


___________________________ Marabbaa  __________________________


Comments

Popular posts from this blog

License Plates and Power: What Vehicle Registration Systems Reveal About Federalism, Decentralization and Centralization — Around the World

   License Plates and Power: What Vehicle Registration Systems Reveal About Federalism, Decentralization and Centralization — Around the World 

🌾 Waaqa: The Oromo Concept of God and Its Comparison with Islam

🌍 Waaqa Tokkicha and Tawḥīd: Understanding the Oromo Concept of God in Comparison with Islam  Across Africa, long before the arrival of organized world religions, many communities already believed in a Supreme Creator who governed life, nature, and morality. Among the Oromo, this divine being is known as Waaqa Tokkicha — the One God who created and sustains everything. With the coming of Islam and Christianity, this indigenous understanding encountered new theological systems, raising important questions of continuity and contrast. Today, one of those questions re-emerges during Irreecha , the Oromo thanksgiving festival: can a Muslim participate in Irreecha without violating the principle of Tawḥīd — the Oneness of Allah? To explore that, we must first understand the essence of Waaqa, the Oromo concept of divine unity, and compare it with the Islamic and broader monotheistic traditions.  1. Oromo Indigenous Belief: The Concept of Waaqa Before the spread of Islam and Chris...

Turtii Addaa Taayyee Danda'aa Waliin

Turtii Addaa Taayyee Danda'aa Waliin