Skip to main content

Posts

Showing posts from March, 2026

ISRAA'EEL: TA DURII FI TA AMMAA

  ISRAA'EEL: TA DURII FI TA AMMAA Kutaa 1ffaa Dr Nuuraddiin Lukee'tiin Dur, waggoota kumaatamaan dura, Qaroomni Mesopotaamiyaa jabaa fi beekkamaa ture. Mootummoota afur kan yeroo garagaraa turan kan Sumeeriyaa, Akkadiyaa, Aseeriyaa fi Babilooniyaa jedhaman qaba ture. Lafti Mesopotaamiya sun biyya yeroo ammaa Iraaq jedhamtuudha. Mesopotaamiyaa jechi jedhu jechoota lama kan Meso fi Potamia jedhu irra kan dhufe yoo ta'u hiikkaa laggeen jidduu jedhu qaba. Argamni lafa sanii jidduu laga Euphratis fi laga Tigris ta'uu muldhisuudhaafi. Naannoo waggaa kuma afur hardhaa (~3800—4000), namni tokko Mesopotaamiyaa Magaalaa ‘Ur’ jedhamtu keessatti dhalata. Yeroo inni dhalatu san ummanni biyya sanii xaa'otiitti (sooddutti) amanu ture. Namni achitti dhalate kun garuu cichee Waaqa tokkichatti amana ture. Namni sun Nabi Ibraahim (Abrahaam) dha. Nabi Ibrahim (Abrahaam) booda Magaalaa Ur (Mesopotamia) dhiisee gara dachii "Kana'aan" (lafa yeroo ammaa Paalistiinii fi Israa’...