KUTAA 1: GOCHA GIMRAA XURUNAA AKKAMIIN BARRE, AKKAMIIN HOO IRRA AANNE?
Osoon bara 2003 gara Singapore hin deemiin Asallaafi Adaamaatti sochii barattootaa keessatti hirmaachaan ture. Bara 2005 Singapore irra biyyatti yoon deebi'u filannoon bara sanaa jeequmsatti jijjiiramee Oromiyaanis fincila barattootaan goolamaa turte. San booda hamma 2008 waggaa waggaan boqonnaa waqtii gannaa qorannoo geggeessuuf biyya galaan ture. Yeroon galu mara, barattoota Asallaafi Adaamaatti waliin socho'aa turre yeros ol guddatanii yuunivarsiitii seenanii sochii mooraatti daddabalamanii turan. Kanaafuu yeroon biyya galu isaanirraa haala sochii qabsoo nan odeeffadha. Sochii dargaggoota IOYA Ameerikaatti geggeessaa turres nan ibsaaf ture. Barattoota yuunivarsiitii keessatti socho'an biroonis wal baranne. Haaluma kanaan nus sochii biyya alaa itti fufne. Warri biyya keessaas akkasumatti itti fufan.
Boodarra bara duula #BoycottBedele fi Oromo First finiinsinu namootan dura biyyatti walbaradheefi kanneen biroon waliin dubbachuufi qindoomuun daran jabaate. Gaafasitti sochii biyya alaatti goonuun dhaaba ABO waliin walqoccoluun jabaatee ture. Kanaaf qoccolli kun sochii biyya keessaa irrattis calaqqisuu eegale. Ta'us ijoolleen nuun walquba qabaniin qoccola irraa maqaa (avoid) akka deeman qorsaa turre. Jaarmayaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo jedhamu ABO jalatti ijaaramee akka jirus dhagayaa waan turreef, yoo danda'ame waliin akka hojjatan, ta'uu bannaan waldura dhaabbannaan akka hin jiraanne gochaa turre.
Sochii barattoota Yuunivarsiitii Haramayaa irraa kaasee maqaan Boombaa, Abdii, Girmaa Xurunaa jedhu gurra nu bu'aa ture. Hamii takka takkas dhagayaa dhufne. Ta'us walshakkiin amaluma qabsoo keessaati jechuun gadi qaqqabaa turre. Haaluma kanaan bara 2014 nuti biyya alaatti OMN dhaabne. Torban muraasa booda warri biyyaa fincila mormii Maastar Pilaanii dhoose. Mormiin sun yuunivarsitiilee keessatti eegalee gara magaalota akka Ambootti ce'e. Nus mormii kanaaf gara marsaalee hawaasaafi OMN uwwisa kennuun dabalata miidiyaaleen addunyaa akka BBC fi Aljzeeraa akka gabaasan tumsaa turre.
Mootummaan Maastar Pilaanii yeroof adda kutuun mariin akka godhamu labsee mormiinis lash jedhe. Yeroo kanatti Qeerroowaan biyya keessa jiran muraasa waliin gamaaggama mormii taasifamee goone keessatti, tikni mootummaa sochii godhamaa turerratti odeeffannoo gahaa argachaa akka ture ifa ta'e. Fakkeenyaaf sochii yuunivarsiitii adda addaa keessatti godhamaa ture irratti tarkaanfii yoo fudhatan, barattoota adda dureen hirmaatan dogoggora tokko malee sirritti adda baafatanii qabaa turan. Kan godinootaas akkasuma. Tarkaanfiilee gara jara Qeerrootiin karoorfamanis dursanii odeeffannoo argachuun laaftutti fashalsaa akka turan ragaan hedduu dhufe. Gamaaggama kana keessatti maqaan Girmaa Xurunaafi namoota Qeerroo Bilisummaa Oromo keessa jiranii deddeebi'ee ka'uu eegallaan qorannaa akka godhamu taasifame. Qorannaa kanaafis namoota caasaa san keessa jiran, hojjattoota qaamota nageenyaa mootummaafi qondaalonni ABO of eeggannoon dubbifamne.
Kanarraa ka'uun, caasaan dargaggoota ABO jala jiranii ( Qeerroo Bilisummaa Oromoo) keessa harki mootummaa seenuun mirkanaaye. Ta'us caasaa kana dura dhaabbachuu mannaa, osoo isaan hin beekiin cinaadhaan caasaa biraa diriisuun akka tooftaatti fudhatame. Sadaasa 2015 Ginciitti fincilli ammas deebi'ee dhoye. Akkuma olitti jedhame dargaggoonni walquba qabnu caasaa Qeerroo Bilisummaa saniin osoo walitti makamee hin saaxilamiiniifi walittis hin bu'iin deemuu itti fufe. Suuta suuta caasuma sana keessa namoota qulqulluudha jedhaman dhuunfaafi garee xixiqqaan as harkisuun itti fufe.
Kanuma jidduutti taateen namoonni Bulbulaatti walgahan qabamuu sun uumame. Jarri Qeerroo Bilisummaa waljeequufi wal balaaleffachuun isaanii alattis dhagayamuu eegale. Gaaf tokko namoonni Girmaa jalatti ijaaraman gareen na quunnamuun waan deemaa jiru naaf himanii ragaas erguun akkan saaxilu na gaafatan. Ani garuu akka isaan fedhan gochuun atakaaroo ABO wajjin qabnu daran finiinsuun qabsoo biyya keessaa miidha jedhee waanin yaadeef, komii isaanii gara dhaabaatti akka ergan itti hime. Anis qondaalota ABO biyya alaafi Asmaraa jiran kan walitti dhiyaannutti himuun Girmaan akka qoratamee sirreeffamni fudhatamu gaafadhe.
Gaafa kaan abukaatoo Wondimmuu Ibsaa waan keessa keessa nuti dhagayaa turre VOA irratti gadi baasee dhoose. Dubbiin hamiifi komii keessoo bira kuttee haasaa ummataa taate. OMNis dhimma kana akka gabaasu dhiibbaan daran waan cimeef namoota Girmaan nu miidhe jedhan dhiheessuun dubbifne. Girmaan keessaan dhufee waakkatee na amansiisuu yaale. Garuu ragaan ittisaa inni dhiheeffate amansiisaa hin turre. Komin namoota inni dabarsee hiisisee, maddeen poolisii federaalaafi tika biyyaalessaa keessaa qabnuun bifa mamii hin qabneen mirkanaayee waan tureef waakkii isa fudhachuun dide. Kanaafuu Qeerroowwan akka Girmaawwan sadeen irraa of eegan dhaamsa keessoofi ifaan dabarsine.
Girmaa Xurunaa saaxilamuun ABO irratti dhiibaa uumuun qorannoo irratti geggeesan. Miseensonni Gumii Sabaa isaanii gurbaan basaasa diinaa akka ta'etti walii galamuu nuuf himanis, xalayaan Hayyu Duree irraa barreeffame garuu akka waan ragaan gahaan hin jirreetti irra diddibame. Nuti garuu tarkaanfii Girmaafi caasaa isaa Qeerroorraa fageessuufi namoota nagayaa gara san turan waliin hojjachuu itti fufne.
Girmaafi caasaan isaa garuu tika Wayyaanee waliin ta'uun sochii qabsoofi qabsaa'ota rukutuu ittuma fufe. Gama website fi raadiyoo to'atuutiin ibsaafi gabaasa faallaa qabsoo Qeerroo facaasuun itti fufe. Fakkeenyaaf yeroo nuti hiriira yaamne, hin bayiinaa jechuu, gaafa waamichi keenya milkaaye ammoo abbaa itti ta'uun itti fufe. Kun hedduus nun yaachifne. Maqaa Qeerroo BILISUMMAA Oromoo jedhu isaaniif dhiifnee, Qeerroo Oromoofi #OromoProtests fayyadamuun adda of baafnee itti fufne. Girmaan namoota ofii beeku qabsiisuu itti fufnaan bakka oolee bulu hordofuufi saaxiluu cimsine. Tarkaanfiin kun lafa jala (undergound) akka badu isa taasise. Boodarra magaalaa Dirree Dhawaa bakka inni galu irra gahamee, poolisii Oromiyaa kan yeroo sanitti qabsootti makamuu eegalaniin akka to'atamu taasifame. Tiknii federalaafi fi RIB Izziin Bahaa baraaruuf yaalanis milkaayuu waan hin danda'iiniif Ciroo geeffame hidhame. Gaafasitti Wayyaanee gara hedduun dhifnee waan laaffifneef homaa gochuu hin dandeenye. Bifa kanaan Girmaan tiyaatira waldura dhaabbannaa Qeerroofi Wayyaanee keessaa baafame.
Sana booda hoo?
- Jijjirama barii dhimma Girmaa irratti Obbo Daawud Ibsaa waliin maal dubbanne?
- Hariiroofi gaheen Girmaan hooggansa ABO fi tika Wayyaanee keessatti qabu maalin hubadhe?
Comments
Post a Comment