Dur, waggoota kumaatamaan dura, Qaroomni Mesopotaamiyaa jabaa fi beekkamaa ture. Mootummoota afur kan yeroo garagaraa turan kan Sumeeriyaa, Akkadiyaa, Aseeriyaa fi Babilooniyaa jedhaman qaba ture. Lafti Mesopotaamiya sun biyya yeroo ammaa Iraaq jedhamtuudha. Mesopotaamiyaa jechi jedhu jechoota lama kan Meso fi Potamia jedhu irra kan dhufe yoo ta'u hiikkaa laggeen jidduu jedhu qaba. Argamni lafa sanii jidduu laga Euphratis fi laga Tigris ta'uu muldhisuudhaafi.
Naannoo waggaa kuma afur hardhaa (~3800—4000), namni tokko Mesopotaamiyaa Magaalaa ‘Ur’ jedhamtu keessatti dhalata. Yeroo inni dhalatu san ummanni biyya sanii xaa'otiitti (sooddutti) amanu ture. Namni achitti dhalate kun garuu cichee Waaqa tokkichatti amana ture. Namni sun Nabi Ibraahim (Abrahaam) dha.
Nabi Ibrahim (Abrahaam) booda Magaalaa Ur (Mesopotamia) dhiisee gara dachii "Kana'aan" (lafa yeroo ammaa Paalistiinii fi Israa’el jedhamtu) akka deemu, Rabbiis sanyii sanyii isaa akka eebbisuu fi akka cirrachaatti ykn urjiiwwan samii gubbaa jiraniitti baay'isuu waadaa (kakuu) galeefi. Innis haadha warraa isaa Zaaraa (Saaraa) fi ilma obboleessa isaatiif dhalatu Nabi Luux (Lot) waliin garas deema. Seenaan as booda jirus dheeraadha.
Abrahama (Ibraahim) haadha-warraa lammataa tan Hajaraa (Aggar) jedhamtu irraa ilma jalqabaa isaa kan Ismaa'el (Ishmaa'el) jedhamu argata. Nabi Ismaa'elis erga fuudheen booda ilmaan kudha lama argata. Ilmaan kudha lamman Nabi Ismaa'eel sun sanyii Arabootaa amma beeknu keessaa (Arabized Arabs—Adnanites) kan jedhaman ta'u. Nabi Mohammed (SAW) hiddi latiinsa isaanii karaa Nabi Ismaa'eel kanaan Nabi Ibraahim (Abraham) irraa dhufa.
Haadha-warraa jalqabaa Zaaraa (Saaraa) irraa ammoo Abraham (Ibraahim) ilma Yisaaq (Yishaq) jedhamu argata. Yisaaq ammoo ilma Yaaqub jedhamu argata. Yaaqub ammoo ilmaan kudha lama: Nabi Yuusuufii fi obboleeyyan isaa kudha tokkon argata. Sanyiin ilmaan kudha lamman Yaaquubii kun gosoota (saboota) Israa'elii kudha lamman ta'u.
Hidda latiinsaa yoo ilaalle Israa'elonnii fi Araboonni cinaan tokko Nabi Ibraahim (Abraham) irraa dhufu. Mata-duree keennaan kan walqabatu dhimma Israa'eloota waan ta'eef seenaa isaanii gaggabaabsaa ilaalla.
Yaaquubiif booda irra maqaan Israa'el jedhu bahaafi. Yaaqub (ykn Israa'el) ilmaan isaa waliin dachii Kana'aan irra jiraataa ture. Ilmaan isaa kudha lamman sun haadha afur irraa kan dhalataniidha. Nabi Yaaqub ilmaan isaa keessaa Yuusuufiin caalatti ofitti dhiheessa ykn jaalata ture. Haalli kun ammoo obboleeyyan isaa mana masaanuu hinaaffaa keessa seensisa. Hinaaffaa kana irraas ka'aniii gaaf tokko walmari'atanii Yuusuufiin boolla keessatti gatu. Boollatti gatanii yeeyyitu nyaate jedhanii booyaa gara qe'ee abbaatti deebi'u.
Boolla isaan Yuusuufiin itti gatan keessaa daldaltoonni karaa san darbaa turan bishaan woraabachuuf yoo harkiftu isaanii itti gatanii olharkisan mucaan bareedaan tokko irra taa'ee keessaa olba'a. Mucaa kana fudhatanii gara daldalaaf imalaa jiran—Masriin (Gibxiin)—geessu. Achittis warra mootii Masrii (Fara'oonotatti) gurguratu. Yooseefiin obboleeyyan isaatiin boolla keessatti haa du'uuf gatame sun haala kanaan Masaraa Mootummaa Masrii gahee achi keessatti guddata. Guddatees qormaatota isa mudataniin booda angoo qabata.
Obboleeyyan erga Yuusuufiin (Yooseefiin) boollatti gatanii waggaa ~22—25 ta'e booda naannoo jiraataa turan (Kana'aan) keessatti beelli cimaan mudata. Beela kana dandamachuuf obboleeyyan isaa kudha tokkon sun gara Masrii midhaan bitachuufi kadhachuuf deeman. Yeroo isaan Masri (Egypt) gahan Yuusuuf battaluma isaan argetti isaan beeke. Isaan garuu Yooseef boolla isaan gatan keessatti du'eeraan beeku malee Masritti abbaa taayitaa ta'ee kan heeyyama midhaan qoodamuuf san kennu isa ta'a jedhanii yaaduus hindanda'an ture.
Yuusuuf otoo eenyumaa isaa jaratti hin himin midhaan isaanii fe'eefi geeggesse. Garuu qabee obboleessa tiruu (haadhaanis tokkoo) kan Biiniyaam (Biniyaamiin) keessa safartuu midhaanii kan warqii irraa tolfame keessatti dhoksisiisee ture. Safartuun sun qabee isaa keessatti waan argameef inni ni hidhama jedhee tooftaa saniin Biiniyaamin ofbiratti hanbisee. Erga ofbiratti hanbisee booda inni obboleessa isaa Yuusuuf ta'uu isaa itti hima. Obboleeyyan kurnan hafan gara Kana'aanitti qajeelan. Deebi'aniis gara Masrii (Gibxii) dhufan. Gaafa deebi'anii dhufan isaanittis inni obboleessa isaanii Yuusuuf kan isaan boollatti gatanii turan san ta'uu itti hime. Booda abbaa isaanii Yaaqubiin dabalatee maatiin isaanii nama torbaatama (~70—75) ta'anii dachii Kana'aan san dhiisanii gara Masrii Nabi Yooseef (Yuusuuf) jiraatutti galan.
Maatiin Yaaqob (Israa'eel) Masritti jireenya itti fuufan. Walhoranii baay'inni isaanis yeroo gara yeroo dabalaa deeme. Jaarraa lama ta'uuf Gibxiin keessa nagahaan jiraataa turan. Jaarraa lamaaf erga Kana'aan dhiisanii Masriitti galanii jiraachuu jalqaban booda mootiileen (fara'oononni) Masrii kan isaan xireeffatanii jibban angoo qabatu. Fara'ooninni sun Israa'eloota kana waanjoo garbrummaa itti fe'anii rakkisu. Hujii humnaan hidha isaan kutu. Kabaja irraa hanqisanii isaan xiqqeessu. Mirga isanii irraa mulqanii jireenya itti hadheessu. Daa'imman isaaniif dhalatan akka ajjeefaman fa'a ajaju. Israa'elonni gabarummaa tanas baqatanii akka hindeemnes eeyyama isaan dhoorkatu.
Yeroo gabrummaa keessa jiran kana Muusaan (Muuseen) warra Israa'eel keessaa dhalata. Bara daa'imman Israa'eloota dhalatan ajjeefaman san dhalate; haati tooftaan ajjeefamuu jalaa isaa hanbiste innis Masara Mootummaa Masrii keessatti guddata. Booda inni obboleessa isaa Haaruun (Aron) waliin ta'ee Fara'ooniin akka ummata Israa'eel to'annaa isaa jalaa gadlakkisuu gaafata. Fara'oon ni dida. Diduu isaatiin balaan biyya isaatti bu'a. Gaafa balaan bu'u Nabi Muusaa fa'a waamee Waaqa narraa kadhaa balaa kana nurraa kaasisiisaa san booda isinis (Israa'eloonnis) ni deemtu jedhaan. Erga isaan Waaqa kadhatanii balaan sun ka'e booda waadaa isaa cabsee gad isin hin lakkisu jedhee dida. Ammas balaan biraa biyyaafi ummata isaa irratti bu'a. Isin gadlakkisaa nurraa kaasisa jedha. Erga balaan bu'e sun irraa ka'e booda ni dida. Akkasitti balaan adda addaa kudhan biyyaa fi ummata isaa mudatee; kudhanaffaa irraatti illmaan hangaafaa Gibxootaa dhumuu jalqabnaan akka waan harka kennuu ta'a.
Kana'aan irraa nama 70—75 ta'anii erga gara Masrii deemanii—waggaa 215 akka tilmaama beektota Qur'aanaattii ykn waggaa 430 akka Macaafa Qulqulluu irratti ibsametti—erga jiraatan booda abbaa worraa heddu (~600,000) ta'anii Masriidhaa ka'anii Galaanni Diimaan (Sea of Reeds, not Red Sea) iddoo lamatti adda banameefii keessa imalanii gara lafa Midiyeen jedhamtutti bahanii Gammoojii Siina (Sinia Desert) gahu. Otoo Siinaa jiranii Ajajoonni Kudhanii Muuseedhaaf bu'an. Dhagoonni Ajajawwan Kurnan irratti barraayanii jiran sanduuqa muka laaftoo irraa tolfame kan keessi isaa fi alli isaa warqiidhaan uwwifame (kan Taabota jedhamu) keessa kaayaman. Gammoojjii Siinaa (Sinia Desert) otoo jiranii Muusaanii fi Haaruun (Aron) lubbuun darbu. Ilmi Nawwee Iyyaasuun (Yushua ibn Nun— Joshua) ummata Israa'el hogganuu jalqaba. Innis hogganee saboota lafa Kana'aan irra turan injifannoo waraana waggaa torba fudhateen irraa buqqisee gosoota (saboota) Israa'el kudha lamman kan ilmaan Yaaqub irraa dhufan saniif akka gosa isaaniitiin dachii Kana'aan san qoqqoodaafi.
Erga Iyyaasuu ilmi Nawwee du'e booda, Israa'eloonni dachii Kana'aan irra waggoota itti-aanan ~200—250 abbootii firdii (abbootii murtii—judges) 15 kan walduraa dubaan dhufaniin bulaa turan. Yooshuwaa (Iyyaasuu) booda abbaan firdii (murtii) jalqabaa Ootnii’eel,→Ehuud →Shamgaar →Dibooraah (haadha murtii)→ Baaraq → Geedi’oon→ Abemeleeki→ To'olaa → Yaa’iir → Yeftaahe→ Ibzaan→ Eloon→ Abdon →Saamsoon →Eelii→ fi abbaan murtii ykn fidii kan dhumaa Samuu’eel dha.
Samu'eel booda, Soo'ul mootii ta'a. Isatti aanee, Nabi Daawud (Mootii Daawit— King David) kan Gooliyaadii guddicha warra Filistin mooye sun mootii ta'a.
Seenaan asii olitti Abrahaam (Ibraahim) irraa kaasee ilma isaa Yisaaqi, ilma Yisaaqii Yaaqoobiinii fi ilmaan Yaaqob obboleeyyan Yuusuufiin bira taree jireenya isaanii Masrii ture tuqee, Muusaadhaan gabrummaa fara'oonota Masrii jalaa bahuu isaanii akeekee, Iyyaasuudhaan (Jooshuwaadhaan) dachii Kana'aanitti deebi'anii, san booda abbootii murtii (firdiitiin) jiraataa turanii booda Mootii (Nabi) Daawud/Daawit bira gahuu isaanii seenessu kun seenaa waggaa kuma tokkooti. Seenaan kunniin kan Macaafa Qulqulluu fi Qura'aan irratti bifa baay'ee walitti-dhihaatuun ykn tokko ta'een kan dhihaataniidha. Qorattoonni seenaafi arkiyoolojii hedduun seenaalee kannin keessaa muraasaaf ragaa kan hin arganne, ni ta'a jedhanis kan hin amanneedha. Garuu Israa'elonnii fi hordoftoonni amantaa sadiinii (Kiristaanaa, Islamaa fi Judaayizimii) kun seenaa isa sirrii kan ummata Israa'el durii ta'uu guutuun guututti fudhatu.
***
Daawit (Daawud) saboota Israa'el kudha lamman tokkoomsee Jerusalem to'atee Mootummaa Israa'el (Kingdom of Isreal) ijaare. Jerusalem magaala guddoo (teessoo) mootummaa isaa godhe. Saboota naannoo san jiraataa turan kan akka Filistiinotaa, Moabayitoota, Ammonayitootaa, Edomayitootaa, Aremaniyoota, Ameelayikoota weraaruun lafa Mootummaa Israa'eel kana laga Euphrates kan Iraaq jiruu hanga Gammoojjii Siinaa (Sinai) kan Masri jiruu, qarqara laga meedetiraaniyaanii irraa hanga lafa gammoojji Jordaan taree haga gara gubbaa Saudi Arabia amma jirtuu baldhisee ture. Kun lafa Iyyaasuun (Yooshuwaan) saboota (gosoota) Israa'el kudha lamman saniif qoode irra dachaa hedduun kan caaluudha. Lafa kana "Israa'el Guddoo" jedhuun.
Itti aansee, ilma Nabi Daawud (Dawit) kan ta'e Nabi Suleeymaan (King Solomon—Xebiibuu Salamoon) Mootummaa Israa'el bulcha. Innis yeroo hoggansa isaa san mana sagadaa jalqabaa (First Temple/ Baytal Maqdis/ beeta maqdasii) ijaara. Taabota dhagaawwan ajajoonni kudhan irratti barrayanii jiran ofkeessaa qabu kan bara Muusee bu'an san yeroo duula bahan kamuu Israa'elonni duri humna nuuf ta'a jedhanii qabatanii deemuun ture. Suleeyman (Salamoon) erga mana sagadaa ykn beeytal maqdis ijaare booda Taabota (sanduuq ajajoota kurnan qabu) kana kabajaan iddoo filatamaa ta'e mana sagadaa san keessatti kaaya.
Erga Salamoon (Suleeyman) bulche darbe booda ilmi isaa Rehoboom jedhamu angoo fudhata. Gibira Israa'eeloota irratti baay'isa. Saboota Israa'el kudha lamman keessa isan kudhan ta'an irratti fincilu. Rehoboom jalatti buluu didanii saboonni 10 Israa'el sun mootummaa biraa ijaaratu.
Saboonni (gosoonni) Israa'el lama ( Yihuudaa fi Beeniyaamin) jedhaman hoggansa Rehoboom jalatti magaalaa Jerusalam teessoo godhatanii mootummaa isaanii (Kingdom of Judea) jedhanii itti fuufu.
Saboonni Israa'el kan fincilan kurnan hafan sun ammoo gara kaabaatiin magaalaa Samaria jedhamtu teessoo godhatanii Mootummaa Israa'el jedhanii walbulchuu itti fuufu. Israa'eeloonni Mootiin Dawit (Nabi Daawud) mootumma tokko jalatti tokkoomsee ture bifa kanaan mootumma lama ta'anii adda bahu. Erga adda bahan boodas waggoota dhibba lama ta'uuf wolqoccolaa walcinaa jiraataa turan.
Adda bahanii jaarraa lama (waggaa 208) booda, isaan gara kaabaa jiran kan saboota (gosoota) Israa'el kudhan hammatan sun Impaayera Asseeriyaatiin weeraramu. Mootummaan isaanis kufee barbadaaya. Asseeriyanoonni saboota 10 kana akka boojuutti fuudhanii addunyaa irra isaan facaasu. Saboonni kudhan sun addunyaa irratti iddoo adda addatti baqatu. Eenyummaan isaanis walmakee dhabamu. Saboonni kurnan sun sana booda gara Israa'el (Samaria) hindeebine. Kun egaa waan waggaa 2700 hardhaa ta'eedha.
Mootummaan saboota lamaanii (Kingdom of Judea) kan Jerusalemitti hafe sunis erga saboonni kurnan weeraramanii waggaa 136 booda (jechuun naannoo woggaa 2550 hardhaa) Impaayera Baabiloniin kan mootii Nabukadanatsur jedhamuun weeraramu. NabukadaNatsur (Nabuchadnezar II) Jerusalem weerare, dallaa dhakaa Jerusaleem marsee jiru diigee, Mana Sagadaa Salamoon ijaare barbadeessa. San booda achi buuteen Taabota Muusee sun dhabama. [Manni Amantaa Ortoodoksii Itoophiyaa garuu Taabotichi hinbadne bara Salamoon mootii ture san ilmi isaa Minilik kan Mootittii Saabaa irraa dhalatu fuudhee Itoophiyattiin galee jira. Kanaaf, Taabotichi as magaala Aksuum bataskaana Tsion Maariyamatti argama jedhu. Kana garuu Israa'elonni dhugaadha jedhanii hin fudhatan. Yeroo hedduu akkas jedhamuu isaattis bifa tuffiitiin qoosu.]
Nabukadanatsurin warra Baabiloon Jerusalem weerare Beeta Maqdasii (First Temple) diigee, ilmaan gosoota Israa'elii lamaan (Yihudaa) 20,000 ta'an booji'ee gara Baabiloon (lafa amma Iraaq) jedhamtu fida.
Mootummaawwan lamaan Israa'eelota kan adda bahan san haala kanatu mudata: kan saboota kudhanii sun guutuun guututti Asseriyaanotaan barbaadayee yoo saboonni kudhan sun baqataniifi booji'amanii addunyaa irra faca'anii achi buuteen isaanii wallaalamu; kan saboota (gosoota) lamaan sanii (Judea) ammoo mootii Baabiloon Nabukadanatsuriin weeraramanii to'annaa isaa jala galu.
Gaafa saboonni kudha lamman tokko ta'anii waliin turan san Israa'eloota jedhamu ture. Erga adda cabanii, kurnan sun saboota biraatti makamanii badu. Lamaan hafan sun Yihudi ykn Jewish jedhamuun waamamu. Lafti lamaan hafanii sun ammoo Juda'a (Judea) jedhama. Kanaaf, maqaan Yihuudii (Jew) jedhu sanyii Israa'eloota-durii keessa muraasa (warra saboota lamaan sanii hammatan) malee hundaa kan bakka bu'uu miti.
Nabukadantsur (Nabuchadnezar II) Jerusalem weerare, Yihuudota gara Baabylion fidee waggaa shantam Baabiloon erga jiraatan booda Mootiin Peershiyaa (Iraanii ammaa) Qiiros Guddicha (ykn Cyrus the Great) jedhamu Baabiloon weeraree qabachuun Yahuudonni akka gara Jerusalem deebi'an labsiin eeyyameefi.
Cyrus the Great fi bulchitoonni Pershiyaa isa booda dhufan eyyamaniifii Jerusalemitti erga deebi'an booda Mana Sagadaa Saloomoon ijaaree ture (First Temple) kan Nabukadanatsur diige, san deebisanii akka harawaatti ijaaru (Second Temple). Mootilee Parshiyaanotaa jalatti hoggansa ofiitiin Jiwiishonni waggatoo 207 erga bulan booda Iskindir Guddichi (Alexander the Great) Meqedooniyaa (Naannoo Giriikii) ka'ee dhaloota kiristoos dura bara 332 Pershiyaanota ar'ee ofii isaa Judaa (Jerusalem, Judea) to'ata. Erga Alexander du'e booda Jiwishonni warra Impaayera Alexander ijaaree bakka lamatti qoodatan lamaan (Giriikota) jalatti bulaa turan.
Mootiiwwan Giriikota san keessaa kan Antiochus IV jedhamu Jiwiishonni akka gara iddoo Mana Sagadaa ykn Temple deemanii sirna kadhannaa hingoone dhorke. Kun ammoo Yihuudonni akka fincilan godhe. Fincilli sunis Fincila Makkabi'an jedhamuun beekama. Erga Fincilaan booda mooyatanii iddoo Temple sanitti deebi'anii sirna kadhannaa godhuu itti fuufan. Taatee kanaan walqabatu hanga guyyaa hardhaa Yihuudonni Hanukkah jechuun wagga waggaan kabaju. Fincila san hordofes waggaa dhibbaaf Mootummaa Hasmonean jedhamu ijaaratanii ofumaan ofbulchaa turan.
Dhaalota Kiristoos dura bara 63, Impaayerri Roomaa kan mootii Pompeyo the Great jedhamuun hogganamuu Judea (Biyya Yihuudii) weraree Jerusalem ofjalatti galcha. San booda warri Room Mootii Herood bara 37 Dh.K Dura akka Judea bulchu godhan. Innis manni sagadaa werara Baabiloon booda ijaaramee ture (Second Temple) waggaa dhibba shanii ol turee waan moofeef irra deebi'ee baldhisuun haaromsee ture. Yeroo Mootiin Herood bulchaa turetti Iyyasuus (Isaan ykn Kiristoos) biyya Yihuuda ganda Beeteliheemiititti dhalate.
Egaa seenaan Abrahaam (Ibraahim) irraa kaasee hanga Iyyasuus (Nabi Isaa) jiru kun seenaa waggaa kuma lamaati. Abraham irraa hanga Daawit waggaa kuma tokko (~900); Daawit irraa hanga Kiristoos waggaa kuma tokko jechu.
Dhaloota Kiristoos booda bara 66-70 Yahuudonni warra Impaayera Roomaa isaan bulchaa ture irratti fincilu. Roomaanonni Jerusalem barbadeessanii, mana sagadaa lammaffaa ijaarame (second temple) diiganii, Yihuudonni (gosoonni Israa'el lamaan hafan sun) akka gara biyyoota Afrikaa Kaabaa, Awuropaa, fi Baha-Jiddugaleessaa bittinnaayan isaan godhanii fincila san to'atan.
Yeroo lammataaf Yihuudonnu muraasni hafan bara 132-135 warra Roomaa irratti fincilaanii turan. Warri Roomaa finicilicha humnaan cabsanii Yihuudonni akka gara Jerusalem lammata hingeenne qoqobbii irra kaayanii, Jerusalem irraa isaan facaasan. Lafa sanis Syria Palestina jedhanii moggaasan. Kutaa itti aanuun erga addunyaa irra faffaca'anii waggaa kuma lama jiraatan booda bara 1948 akkamitti lafa sanitti deebi'anii biyya amma Israa'el jedhamtu kana hundeessan kan jedhuu fi kana booda maal barbaacha Baha Jiddugaleessaa keessatti waraana adeemsisu kan jedhu ilaalla. Barreeffama dheera kana yoo dubbistanii jiraattan kuta comment jalatti kutaan lammaffaan akka itti fuufu naaf hima.
****************************************************************************************
ISRAA'EL: TA DURII FI TA AMMAA
Kutaa 2ffaa
Kutaa jalqabaa keessatti: Ibraahim (Abraham) Magaalaa Ur (Mesopotamia) irraa ka'ee gara dachii saboonni Kana'aan jiraatan deemuu isaa, achittis ilmaan lama—Ismaa'elii fi Yisaaq jedhaman— uumachuu isaa, Ismaa'el irraa sanyiin Arabaa cinaan tokko kan walhoran ta'uu isaa, akkasumas Yaaqob (ilmi Yisaaq) ijoollee 12 uumatee, obboleewwan kudha lamman san irraa ammoo sabootni Israa'el kudha lamman kan dhufan ta'uu isaa,
Obboleewwan kudha lamman keessaa Yuusuuf (Yooseef) Masriitti angoo qabatee, booda maatiin Yaaqob— obboleewwan kudha tokkon hafan suniifi ilmaan ilmaan isaanii—walumaa galatti namota 70-75 ta'anii Masriin (Gibxiin) Yuusuuf biratti akka galan.
Achittis jaarraa lamaa oliif nagahaan jiraatanii, booda mootileen (fara'oononni) Gibxii baay'aachuu isaanii fi haala isaanii jibban akka isaan cunqursaa turan. Cunqursaa san jalaas karaa Muusee fi Aarooniin (Nabi Muusaafi Haaruuniin) Masriin dhiisanii akka bahan. Masrii bahanii erga Muusaa fi Haaruun Gammoojji Siinaatti boqatan booda Iyyaasuu ilmi Nawwee (Yushua Ibn Nuun— Joshua) Israa'eloota hogganee waraanaan saboota dachii Kana'aan irra turan buqqisee saboota kudha lamman Israa'el saniif lafa san akka adda qoqqoodeef. Erga Iyyasuun du'e booda ammoo jaarraa lamaa oliif karaa abbootii murtii (firdiitiin)—judges— kudha shan ta'an kan walduraa duubaan dhufaniin bulaa akka turan.
Isaan booda ammo Mootii Daawiti (Nabi Daawud) saboota kudha lamman Israa'el san tokkoomsee Jerusalemii saba Kana'aan kan Jebusayiti jedhamuu irraa weeraraan akka dhuunfate, Mootummaa isaas akka ijaarate. Booda irrattis waraanaan lafa mootummaa isaa laga Eupharatis Iraaq jiru irraa hanga Gammoojii Siinaa Gibxi jirutti akka baldhifate. Isatti aansee ammoo ilmi isaa Nabi Suleeymaan (Mootii Salamoon) angoo fudhatee Mana Sagadaa (First Temple) ijaaruu isaa. Ilmi Suleeeyman kan Rehoboom jedhamu abbatti aanee angoo qabatee gibira baay'isuu isaatiin saboonni Israa'el 10 akka fincilanii addatti mootummaa ofii ijaaratan. Isaan lamaan hafan qofa Rehoboom hogganaa akka ture,
Saboonni 10 sun jaarraa lamaaf erga ofdanda'anii mootummaa ofiitiin jiraataa turan booda Impaayerri Aseeriyaa dhaloota kiristoos dura bara 722 akka isaan bittinneesee addunyaa irra isaan facaasee. Erga faca'an booda ammoo saboota addunyaa irra jiran kan birootiin walitti makamanii akka eenyummaniifi eenyu ta'uun isaanii bade.
Gosoonni lamaan hafan sun ammoo Yihuudii (Jews) akka jedhaman, isaanis erga saboonni kurnan sun badanii waggaa 136 booda mootii Babyloon kan Nabukadanatsur jedhamuun akka weeraramanii boojun fudhataman. Boojuun fudhatamanii waggaa shantama booda, mootiin Pershiyaa (Iraan) Qiiroos Guddicha (Cyrus the Great) jedhamu Baabiloon weeraree qabachuu isaatiin, Yihuudonni Baabiloon turan akka gara Jerusalem deebi'an labsiidhaan eeyyamuufii isaa,
Impaayerri Pershiiyaas dhalachu Kiristoos dura bara 332 akka Alexander the Great (Iskindir Guddichaan) weeraramee, Alxendar itti aanee biyya Yihudii (Jerusalem) qabate. Warra impaayera Alexander booda, jiddu irratti jaarraa tokkoof Yihuudonni ofbulchuu danda'anuu isaanii, dhaaloota kiristoos dura bara 63 Warri Impaayera Roomaa dhufee akka Judea (Biyya Yihuuda) to'ate. Yeroo Impaayerri Roomaa bulchaa ture sanitti Kiristoos (Nabi Isaan) Biyya Yihuudaa ganda Beteleem jedhamtutti akka dhalate.
Inni dhalatee woggaa 66 fi waggaa 135 booda Yihuudonni akka warra Roomaa isaan bulchaa ture irratti fincilanii fi warri Roomaa ammoo isaan keessaa kan fixan fixanii, kan barbadaayu barbadeessanii, lammata akka Yihuudonni naannoo Jerusaleem akka hin geenne qoqqobbii akka irratti godhan. Lafa sanis maqaa Syria Palestina jedhuun maqaa warraa Mootii Daawit (Nabi Dawud) dura naannoo san turan Filistin (Filisxem) jedhu irraa ka'anii akka moggaasan, Jerusalem ammoo maqaa Aelia Capitolina jedhu akka baasaniif. Maatii muraasa yoo ta'een ala Yihuudonni (jechuun gosoonni ykn saboonni Israa'el lamaan hafan) sunis akka gara Afrikaa Kaabaa, Baha-Jiddugaleessaa fi Awuurapatti akka baqatan... kutaa jalqabaa keessatti ilaallee ture.
Amma kutaa lammaffaa itti fuufna: Roomaanonni Yihuudotni Jerusalem akka hinseenne dhoorkanii, mana sagadaa yeroo lammaffaaf ijaaramee ture (Second Temple) gubanii, ofii isaaniitii kophaa bulchaa turan. Warri Impaayera Roomaa kun waaqota heddutti amanu (polytheist) turan. Amantii Kiristaanas kan Yihuudis hin fudhatan qofa otoo hintaane ni jibbu ture. Booda mootiilee isaanii keessaa kan Konistaantine (Constantine) jedhamu naannoo bara 312tti amantii Kiristaanaa fudhata. Isa hordofee amantiin Kiristaanaa Impaayera Roomaa keessatti babaldhaataa deema.
Konistaantiin kun mootii magaalaa maqaa isaatiin moggaate konistaantinopil (ykn Istambuulii Turkiye ammaa) ijaareedha. Guyyaa dhaloota kiristoosis qoratee akka ayyaanni Guyyaa Dhalootaa Kirstos (Gannaa— Qilleen — Christmass) kabajamu nama yeroo jalqaaf godheedha. Isa dura ayyaannii Gannaa (Qillee) hin kabajamu ture. Isatu jalqabsiise.
Mootii Impaayera Roomaa kan ture Theodosius kan jedhamu kan Konistaantiin booda dhufu lafa baldhaa Impaayerri Roomaa qabu kana bara 395 ijoollee isaa lamaanii—akka bulchaaniif—qooda. Impaayerri Roomaas iddoo lamatti hirama: Impaayera Roomaa Bahaa (Eastern Roman Empire) fi Impaayeera Roomaa Lixaa (Western Roman Empire) ta'a. Impaayerri Roomaa Bahaa ammoo maqaa Beeyzantaayin (Byzantine Empire) jedhamuun waamama. Jerusaleem faati Impaayera Beeyzantaani jalatti hafu jechuu. Warri Beeyzantiin impaayera isaanii—kan Awuroopa cinaa tokko dabalatu keessatti—amantaan Kiristaanaa akka babaldhatu shoora guddaa taphatanii jiru. Beezantiinonnis Yihuudonni akka gara Jerusaaleem hin deebine (hinseenne) dhoorkaa turan. Hanga muslimonni lolanii Jerusalem qabatanitti—Jaarraa arfaffaa, shanaffaa fi jahaffaa kan Jerusalem (Paalastaayin) bulchaa ture warruma Impaayera Beeyzaantiin kana ture.
***
Nabi Mohammed (SAW) naannoo bara 570 magaalaa Makkatti dhalatan. Umrii waggaa 40 yoo ta’an (610 irratt)i Maleeykaan Jibriil ergamaa Rabbii ta’uu isaanii itti himee barnoota amantaa barsiisaan. Nabi Mohammedis (SAW) waggaa sadi booda bara 613 irraa kaasee ifatti amanta Islaamaatti ummata waamaa turan. Gosa keessaa dhalatan Araboota Qureeyish irraa mormiin isaan mudatu cimaa dhufnaan bara 622 gara magaalaa Yesrib (booda irra Madinaa jedhamtee) imalan.
Madiinatti hordoftoota heddu erga horatan booda Araboota Qureeyshii kan isaan mormaa turan wajji woraana Badr (624tti), Uhud (625tti), baruma san warana Hamra al-Assad, godhanii booda irra bara 629 magaalaa Makkatti musliimota waliin nagahaan (waraana malee) deebi’an. Yeroo kanatti amantaan Islaamaa biyya amma Saudi Arabiyaa jedhamtee beekamtu keessatti babaldhataa ture. Makkatti deebi'anii waggaa sadi booda bara 632 Nabi Mohammed (SAW) hajjiin bara san godhan kan dhumaa ta’uu isaa bifa beeksisuun ergaawwan amantaa Islaamaa dabarsan. Hajjii dhumaa kana booda xiqqoo turanii gara fuula Rabbii deeman.
Isaan booda Abu Bakr bara 632 hanga 634 waggoota lamaaf kaalifaa (hogganaa) muslimoota ta'a. Erga Abu Bakr boqatee booda Umar Ibn al-Khaxab bara 634 kaalifaa (hogganaa) muslimotaa ta'uun itti fuufa. Umar Ibn Al Khaxab bara kaalifaa (hogganaa) muslimotaa ture san amantaan Islaamaa Gammoojii Arabiyaa irra taree akka ummataafi lafa baldhaa qabatu hoggansa cimaa kennaa ture.
Bara 634 irraa hanga bara 638 (yeroo Umar Kaalifaa ture san) waraanni guddaan Impaayera Beeyzantiinii fi Impaayera Islamaa baldhaataa jiru jiddutti godhama. Waraanni muslimotaa kan Abu Ubayida Ibni Al-Jarraan hogganamu waan moyateef Impaayeerri Beezantaayin kan waggaa 300 oliif Paalastaayin (Jerusalem) bulchaa ture irraa ari'ama. Jerusaleemis to'annaa Impaayera Islaamaa jalatti galti.
Jerusalem erga muslimotaan qabamte booda manneen amantaa kiristaanaa Impaayerri Beeyzatiin ijaarsisee tures akkuma jiranitti akka itti fuufan, Yihudonni muraasni naannoo Jerusaalemitti otoo hin baqatin hafanii turan kan akka Jerusalem hin seenne warra Roomaatiin dhorkamanii turanis akka fedha isaanitti akka seenanii jiraatanii fi mirgi amantaa isaanii hordufuus kabajameefii ture. Barri kaalifaa Umar fi kaalifoota isaan booda dhufanii lafa (biyya) baldhaa qabatanii turan sun yeroo Jiwiishotaaf (Yihuudotaaf) mirgi isaanii eeggamee, aadaanii fi amantaan isaanii kabajameefi gibira isaan irraa eeggamu kaffalaa nagahaan jiraataa turaniidha. Erga faffaca'anii booda yeroon kaalifootaa sun, Yihuudotaaf yeroo gaarii dhumaa (ykn akka golden time)tti ilaallama.
Nabi Mohammed (SAW) booda Kaalifoonni arfan jiran (Abu Bakr al Siddiqi, Umar Ibna al Khaxab, Osman ibn Affaan, Ali ibn Ab Talib) maqaa Kulafa’u Raashiduun jedhuun [kan hikkaa hoggantoota (itti-aantota) sirrii jedhuu qabuun] kan waamaman yoo ta’u, bara isaanii amantaan Islamaa naannoo Gammoojji Arabiyaa irraa ka'ee lafa baldhaa hanga Kaaba Afrikaa (Liibiyaa) gahuu yeroo itti qabateedha. Kallattii biraatiin ammoo impaayeroota gurguddoo yeroo san turan lamaan: Impaayera Beeyzantiinii kan lafa yeroo ammaa Turkiye, Lebanon, Paalistiin jedhaman dabalatu fi Impayera Sassinid warra Peershiya (Iraan) kan lafa yeroo ammaa kana maqaa Iraaq, Iraan, Paakistaan, Afghanistaan fi Sooriya jedhaman dabalatu injifachuun lafa baldhaa to’atanii amantaa Islamaa ummata lafa baldhaa kana irra jiraataa turetti babaldhisanii jiru.
Waraana muslimootaa kan kaalifoota kanaan hogganamaniinii fi Impaayera Saassinid (warra Pershiyaa) wajji godhameen musliimonni guututti waan injifataniif Impayeerri Saassinid (Sassanian Pershian Empire) diiggamee naannoowwan impaayera san jala turan keessatti amantaan Islaamaa babaldhate.
Waraana Impaayera Beeyzantiin wajji godhaniin muslimonni injifachuun cinaa Turkii (yeroo san Anatoliya jedhamtu) fi naannoo Libaanos (Lebanon), lafa amma Paalistiinii (fi Israa’eeli) jedhamu kana dhuunfatanii turan.
Injifannoo waraanaa Impaayera lamaan kana irratti goonfataniin, Impaayera Islamaa baldhaa ta’e kan Iraanii ka’ee Kaaba Afrikaa (Liibiyaatti) dhaabbatu ijaaruu danda'aniiru.
Impaayerri Beeyzantiin haa injifatamu malee guututti waan hinbadneef (ykn hin diiggamneef cinaan lafa amma Turkiye jedhamu (Anatoliyaa), Cyprus, Girikii fi cinaan Xaaliyaan, akkasumas magaalaan guddoon impayerichaa (Constantinople ykn Istanbuuliin ammaa) harkuma warra Beeyzantinitti hafan. Taateewwan seenaa kun bara 632—661 yeroo Kulafa'u Raashiduun (hoggantoota sirrii arfan) sun walitti aansanii bulchaan kan raawwatamaniidha.
Kaalifoota arfanitti aanee, bara 661tti Mu’awiyaan Umayyad Dynasty hundeessuun teessoo Kaliifaa Muslimaa magaalaa Madiinaa irraa gara magaalaa Damaasqoo Sooriyaatti jijjiruun waggoota 89 liif hanga bara 750 angoo abbaa gara ilmaatti darbuun lafa Kaalifoonni afran baldhisan irra taree hanga qaccee Kaaba Afrikaa (Morocco) fi akkasumas Moorokoo gama ce’ee cinaa biyya Ispeenii (yeroo san Andulasia jedhamu) hanga ga’utti Impaayera Islamaa baldhisanii bulchaa turan. Warri Umayyad Jerusalemitti kan Masjiida Al-Aqsa (bara 705tti) bifa amma jiruun ijaaraniidha.
Ummayyad Dynasty (Umayyootatti) aanee kan angoo fudhate Abbasid Dynasty (Abbaasota, kan sanyii abbeeraa Nabi Mohammed (SAW), Abbas ibn Abd al-Muttalib, irraa dhufne jedhan) yoo ta’u isaanis bara 750tti warra Umayyad kuffisuun magaalaa haarawa Baghdad jedhamtu ijaaruun waggoota 500 oliif hanga bara 1258 bulchaa turan. Seenaan bara Abbasid ture bay'ee baldhaadha.
Teessoon Impaayera Islamaa bara Ummayyad Dynasty magaalaa Madinaa irraa gara Damasqoo Soriyatti, achi booda ammoo bara Abaasiid Damasqoo irraa gara magaalaa haarawa Baghdad jedhamtu (tan amma magaalaa guddoo Iraaq taatetti) jijjiirame.
Bara Abbaasid san Baghdad magaalaa yeroo san jiran keessaa dorgomaa hin qabdu ture. Muslimonni yeroo Abaasiid (Abbaasiid) turan beekumsa amantaatiin dabalata, beekumsii fi saayinsiin fayyaa, filosofii, astronomii, aartii, herreegni fi kkf akka dagaagan waan heddu godhan. Kitaabota afaan garagaraatiin barraayan afaan Arabiitti hiikunii fi qorannoolee saayinsii adda addaa gochuudhaan, bu'aawwan argaman galmessuu fi barreessuun, laayibrariin (manni kitaabaa) guddaan addunyaa ‘Beytal Hikma’ jedhamu achi Baghdad keessatti akka ijaaramu godhan.
Abbaasiid keessattu yeroo Harun Al- Rashidun (786–809) kaalifaa ture san aartii fi saayinsiin, diinagdee fi misoomni haalaan dagaagee ture. Fakkeenyaaf barnoota heerreegaa irratti kan barataa turre Algebra, Algorithm, fi laakkofsi yeroo ammaa itti fayyadamnu (Arabic Numerals 1,2,3..jedhu) kunniin beekumsa beektonni muslimaa yeroo san turan (Muhammed Ibn Musa al- Khwarizmi faati) addunyaaf gumaachaniidha. Algorithm kan jedhu maqaa isaa Al-Khwarizim jedhamu irraa kan fudhatame yoo ta’u Algebran ammoo maqaa kitaaba inni barreesse Al-Jabr ka jedhu irraa fudhatame. Kana fakkeenyaaf kaafne malee qaroomni Islamaa yeroo san ture saayinsii fi teeknolojii yeroo ammaatiif bu’uura kaa'eera. Yeroon Abbasid sun ‘Islamic Golden Age’ jedhamee yaadatama. Booda bara 1258 warri Mongol (Genghis Khan) dhufee Qarooma Abaasid balleessee, naannoo sanis weeraraan qabata.
Yeroo Mootummaan Abbaasid lafa baldhaa Iraanii ka’ee Kaaba Afrikaa Morokoo gahu bulchaa ture san, isaan bulchuu jalqabanii (waggaa dhibba tokko booda) mootummonni xixiqqoonii fi balbaldhoo ta’anis lafuma baldhaa isaan bulchan keessatti iddoo fi yeroo garagaraatti ka'anii turan. Buyid, Seljuk, Khwarezmia, Fatimid, Ayubbid, Mamluk, Safanid, Safavid kan jedhaman fa’atu lafa baldhaa Abaasiidonni bulchaa turan keessaa iddo garagaraatti ka’anii turan.
Jerusalemii fi biyyi naannoo sanii erga bara Kaalifaa Umar qabamanii kaasee hanga Waraana Addunyaa Tokkoffaa (bara 1917)—waggaa kuma tokkoof dhibba sadihiif—harkuma Mootummoota Islaamaa garagaraa turan. Garuu jidduu irratti, kiristaanonni Awuuropaa (Crusaders) Jerusalem harka muslimotaatti kuftee hafuu hinqabdu jedhanii bara 1096 irraa waggaa sadihiif lolanii moyachuun bara 1099 irraa hanga bara 1187 waggaa 89-f Jerusalem Mootummoota Islamaa jalaa baasanii to'achuun bulchaa turan. Yeroo waraana muslimotaa fi krusedarootaa (crusaders) kana baay'ellee ta'uu baatu Yihuudonni cinaa Muslimotaa goranii Krusedaroota waraanaa turan. Kruseedaroonnis mana sagadaa Yihuudotaa barbadeessaa turan.
Bara 1187 san Salah ad-din Yusuf ibn Ayyub (Saaladdiin) kan naannoo Masriifi Sooriyaa bulchaa ture, Jerusalemiin Masjiidni Al-Aqsaa keessatti argamu akkamitti warra hinamanne harkatti kuftee hafti jedhee waraana itti banee waraanicha moyatee bulchiinsa ofii jalatti deebisuu danda'e jira. Saaladdiin Yihudonni yeroo kruseedar san baqatanii fi qabeenyi isaanii irraa fudhatamee ture Jerusaalemitti akka deebi'aniifi qabeenyi isaanis akka deebi'uuf godhee ture. Saaladdiin booda mootummootuma amanta Islaamaa hordofaniin buluu itti fuufte. Bara 1517 irraa kaasee waggoota dhibba afuriif hanga xumura Waraana Addunyaa Tokkoffaa bara 1917 Jerusalem (fi naannoon Palasataayin) warra Ottomaan Turkii (Osmaaniyaa) jalatti bulaa ture.
Yeroo Paalastiin to'annoo mootummoota Islaamaa asii olitti eeraman jala turte san Yihuudonni baay'ee hagoo (maatii muraasa qofa ta'antu) Jerusalem jiraataa kan ture yoo ta'u, Yihuudonni hedduun yeroo san addunyaa irra faffaca'anii jiraataa turan. Warri addunyaa irra faffaca'anii jiraatan—keessattuu isaan Awuroopaa keessa jiraataa turan—jaarraa hedduuf dhiibbaa, tuffatama, jibbaafi miidhaan garagaaraa (Anti-semitism) isaan irra gahaa ture. Awuropaanonni yoo halli badaan isaan mudate Yihuudota qeequ. Carraa badaan yoo isaan qunname Yihuudotatu nutti fide jedhaanii quba isaanitti akeeku. Weerarri dhukkubaallee yoo isan mudate akka waan warri Yihuudii kun itti fideetti isaan adabu ture.
***
Miidhaa, jibbaa fi dhiibbaa jaarraa hedduuf biyyoota Awuroopaa itti faca'anitti isaan irra gahaa turef, senaa asii gadii kana akka fakkeenyatti ilaaluu dandeenna.
Yeroon isaa jaarraa 14ffaa keessa ture. Bara akka ammaa saayinsiin fayyaa fi beekumsi woldhaansa hammayyaa hin babaldhanne sani. Bara talaalliinii fi qorichi ammayyaa hedduun hinbeekamne sani. Dhukkuba hin beekamne wotu biyyoota Baha Fagoofi Awuropaa keessatti babaldhataa ture.
Weerara dhukkuba kanaan namoota dhukkubsatanii lubbuun jiran gargaaruunii fi isaan du'an awwaaluun hojii guyyaa-guyyaa namootaa ta'e. Kanuma keessa dhukkubichi namoota gargaaran sanittis darba. Isan irraas kan biratti. Kan biraa irraas kan biraatti. Akkasitti baldhataa Awuroopaa waliin gaha.
Sodaan, shakkiin, rifannoonii fi naasuun waan godhan dhabu. Dhukkubichi nama heddu hubaa Awurooppaatti lubbuu ilma namaa harcaasuu itti fuufa. Namuu dhukkubichaan qabamuu dhabuuf, yoo qabames irraa fayyuuf waan furmaata ni ta'a jedhee yaade of irratti yaala. Guyyaanis takka lama jedhaa deeme, dhukkubichis ummata fixaa deeme. Dhukkubicha dhaabuuf wanti garagara ni yaalame. Homtu fala ta'uu dide.
Martuu tiyyaan na-baasitti ka'e. Haakimoonni mana yaalaa cufanii baqatan. Qeesonni mana amantaa lagatan. Daldalaan suuqii isaa cufe. Sirni mootumma yeroo san jiru sababuma kanaaf daaqe. Kuun magalaa dhiisee baadiyatti baqate. Beekumsi haalli dhukkubichi ittin daddarbu yeroo san waan hin jirreef, dhukkubichi baqatanille iddoma jiranitti isaanitti dhufuu qabe. Reeffi namoota dhukkubichaan du'anii awwalcha dhabanii ardii Awuuropaatti asi achitti muldhachuu jalqabe. Reeffi ilma namaa irbaata bineensotaa fi allaatti ta'e.
Kun dallansuu Waaqaa ta'a jedhamee namoonni waa balleessuu ofitti beekan offitti ragaaa bahanii, ummata fuulduratti baafamanii garafaman. Kanaanis dhukkubichi ni dide. Booda, Yihuudota (Jiwiishota) Awurooppa jiraataniin isintu kanaan nu gahe, dhukkubicha isintu fide, jechuun isaan fixuttii ka'an. Baay'ee isaaniis ajjeesan.
Waggoota shaniif ( bara 1347 hanga 1351 tti), 'Bubonic Plague Pandemic - Black Death' kun ummata Awuuropaa tokko sadaffaa kan caalu mucuq godhee fixe. Akka addunyaatti ammoo ummata miiliyoona 200tti tilmaamamu fixe. Weerara hamaa addunyaa mudate ta'ee seenaa irratti galmaaye. Baay'inni ummata Awuroopaas kan weerara dura tureetti deebi'ee qixxaatuuf waggaa 150 itti fudhate.
Taatewwaan umamaa akkanaatiifis kan Awuropaatti adabamaa fi farrajamaa ture Yihuudota achitti baqatan turan. Kana akka fakkeenya gaarii tokkotti kaafne malee jibbii fi adda-baafamuun Yihuudota irratti dhaqqabaa ture (Antisemitism) baldhaa ture.
****
Yahuudonni (Jewish) addunyaa irra faffaca'anii dhiibbaan, tuffatamni, jibbaafi miidhaan garagaaraa isaan irra gahaa ture kun, rakkoo kanaaf gurmuun fala barbaaduuf bara kudha saddeet saddeetamootaa (1880)taa keessa marii fi sosochii jalqabu. Waan ijoo tokko irrattis waliigalu: biyyi kophaa ta Yihuudota qofa ammatte jiraachuu akka qabdu. Biyya san ammoo eessatti ijaarra kan jedhu mariif dhihaate. Biyyoonni sadi filannoof dhihaatan. Tokko Arjeentiinatti biyya Yihudi ha ijaaru ta jettu, ta lammataa Ugaandatti biyya Yihudii ijaaruu wayya jettu, ta sadaffaa ammoo biyyuma durii kaasee abaabilee teenna waliin hariiroo qabdu Paalistinitti ijaaruu woyya ta jettu. Sadan keessaa ta Paalistiin tun filannoo ta'aa dhufte. Paalistiinitti biyya Yihudii tan Israa'eel jedhamtu ijaaruu yaadni jedhu ni mooye.
Sochii gara dachii Paalistiinitti deebi'uu haala qindaa'een oofuuf Jiwiishonni bebeekkamoon yeroo sanii sochii "Zionism" (Tsi'oonummaa) jedhamu jalqaban. Kun bara 1880moota keessa jechuudha. Sochiin Zionism (Jiwiishota addunyaa irra faffaca'an Paalisitiinitti deebiisanii biyya Israa’eel jedhamtu ijaarachuu) kana ammoo Yihuudota dhiibbaa uumuu danda'an kan Awuroopaa jiraataa turan kan akka Theodor Herzl fa'aan jalqabame.
Garuu kana milkeessuuf qormaatni cimaan isaan afoo jira. Lafti isaan Mootummaa Israa'el jedhamu irratti ijaarra jedhan sun lafa duwwaa namni irra hinjirree miti—barootaaf kan Paalistiinonni irra jiraataniidha.
Yeroo Yihuudonni sochii Zionism jalqaban san, bara 1880moota keessa, ummatni dachii san irra jiraatu kuma dhibba jahatti (600,000) kan tilmaamamu yoo ta'u, isaan kun irra caalaan (~%90) Araboota Muslimaa Sunni yoo ta'an, Kiristaanonni muraasn (~%7) fi Yihuudonni (%2—3) qofa ta'u ture.
Ummanni sun yeroo san irra jireessaan (%64 kan ta'an) jiruun isaanii kan qonna irratti hundaa'e ture. Lafti sun hedduun abbootii lafaa sanyiin Araba (Paalistiinota) ta'an harka kan tureedha. Abbootiin lafaa kunis warra Ottoman Turkish kan naannoo san bara 1517 irraa kaasee bulchaa tureen sharikaa ta'uun bulu ture.
1880moota keessa, lafti %90 ta'u kan Araboota Paalistiin yoo ta'u, Yihudoonni achi jiran lafa %1 gadi (0.5%) ta'u qofa qabu. Kan hafe (~%10) kan warra lafa san bulchaa ture Ottomaan Turkiiti. Egaa haala kamiin laakkofsa ummataa kana jijjiiranii, lafa %1 hinguunne otoo hinqabaatin, Yihuudonni biyya Israa'eel jedhamtu ijaaruu irratti milka'uu danda'an? Israa'eliin ammaa tun akkamitti ijaaramte kan jedhu—dubbisaa jiraachuu keessaniifi itti haa fuufuu fedha qabaachuu keessan comment jalatti natti himaatii—kutaa sadaffaan walitti dachaana.
**************************************************************************************
ISRAA'EL: TA DURII FI TA AMMAA
Kutaa 3ffaa
Kutaa lamaan duraa keessatti saboonni Israa'el kudha lamman akaakayyuu isaanii Abraham (Ibraahim) irraa hiddi latiinsa isaanii dhufuu isaa, saboonni (gosoonni) kudha lamman sun waggoota kuma tokkoof tokkummaan waliin jiraatuu isaanii, yeroo Mootii Daawit (Dawud) san lafa baldhaa hanga laga Euphratis Iraaq jiru irraa hanga Gammoojjii Siinaa Gibxi jiruutti lafa baldhifachuu isaanii, san booda aadda bahuu (qoodamuu) isaanii, erga adda bahan booda saboonni kurnan weerara Aseeriyaanotaatiin achumaan baduu isaanii, saboonni lamaan hafan ammoo Yihudii (Jews) jedhamuu isaanii,
Yihuudonni kunis weerara Impaayera Roomaatiin addunyaa irra faffaca'uu isaanii, yeroo Impaayerri Islaamaa naannoo sanitti babaldhataa tureefi mootummoonni Islaamaa san booda dhufanii waggoota kumaa oliif naannoo san bulchaa turanitti Yihuudonni muraasni naannoo sanitti hafanii turan mirga fooyya'aa argachuu isaanii. Yihuudonni faffaca'anii turan ammoo biyyoota adda addaa keessatti—keessattuu Awuuropaa fi Raashiyaa keessatti— dhiibbaan garagaraa, jibbiifi miidhaan adda addaa (antisemetism) isaan irra gahaa turuu isaa kutaalee lamaan duraa keessatti ilaallee ture. Kutaa sadaffaa itti haa fuufnuu:
Manni Amantaa Ortoodoksii Raashiyaa Yihuudota akka ummata badaa Kiristoos hiraarsanitti barootaaf barsiisaa turte. Awuroopaa keessattis ijuma saniin ilaallamu ture—akka ummata hamaa Kiristoos hiraarsanitti. Haalli kun ammoo jibbi Yihuudotaa akka cimu shoora taphataa ture.
Bara 1881 mootiin Raashiyaa Alexander II jedhamu tasa ajjeefama. Olololli Yihuudotatu ajjeese jedhu ni babaldhata. Isaan garuu ajjeechaa keessaa harka hinqaban ture. Jibba dura ture irratti ololli kun dabalamee akka Yihuudonni Raashiyaa keessa jiran haleelaman godhe. Yihuudonni barbaadama tumaman. Muraasni ni ajjeefaman. Isaan hafan ammoo haala kana irraa Raashiyaafi Awuroopaa dhiisanii baqachuutti ka'an.
Jibba, tuffii fi miidhaa Yihuudota irratti yaaduu fi raawwachuun 'antisemetism' (jibba-seemii) jedhama. Yihuudonni bebeekkamoo fi dhiibbaa uumuu danda'an jibba-seemii Awuroopaafi Raashiyaa keessatti hidda godhatee isaanis miidhaaf saaxilaa ture kana haala dhaabuu danda'an irratti bara 1880moota keessa marii'achuu jalqabu. Marii isaanii kana irrattis 'biyya saba Yihuudii qofa hammattu' ijaaruun rakkoo jibba-seemii kanaaf furmaata akka ta'e amanu. Lafti biyya san itti ijaaran ammoo Paalastiin akka taatu waliigalan.
Sochiin Yihuudota addunyaa irraatti faffaca'anii jiran walitti qabanii Paalastiniitti deebisanii biyya Israa'el jedhamtu ijaaruu ammoo "Zionism" jedhama. Imalli biyyoota san irraa Yihuudotaan gara Paalistiin godhamu "Aliyah" jedhama. Sochii Zionism (Tsi'oonummaa) kana ammoo akka piroojektii guddaatti kan sochoosaa turan Yihuudota barnootaan, beekumsaan, beekamtiinii fi qabeenyaan sadarkaa gaarii irra turaniidha.
Namni akka hundeessaa Sochii Zionism-tti ilaalmu Theodor Herzl gaazexeessaafi barreessaa cimaa ture. Bara 1896 kitaaba "Der Judenstaat" (Mootummaa Israa'el) jedhu barreessa. Kitaabicha keessattis murteessummaa biyya Yihuudui of-dandeette irratti ibsa kenna. Itti aanse, bara 1897 marii bakka-bu'oota hawaasa Yihuudii biyya Swizerland, magaalaa Baasel jedhamtu keessatti qopheessa. Mariin isaanii kunis Dhaabbata Tsioonummaa (World Zionist Organization) akka hundeeffamuuf bu'uura ta'a.
Zionistootaaf (warra Paalistiinitti biyya Isaa'eel jedhamtu ijaaruu hawwaniifi kaayyoo kana milkeessuuf hojjataniif) qormaata guddaatu isaan fuuldura ture. Innis: bara isaan sochii san yaadaniifi jalqaban (1880moota keessa) lafti Paalistiin sun lafa duwwaa jirtuu miti. Lafa ummanni kuma dhibba jaha ta'u irra jiraatuudha. Ummata san keessaa ammoo %2–3 kan ta'u (~20,000) qofatu Yihuudiidha. %90 kan ta'an ammoo Araboota Paalistiinii turan. Yihuudota san harka ammoo lafa %0.5–1 taatu tama akka qe'ee dhuunfatti irra jiraatan qofatu harka isaanii ture.
Kaayyoon ijoon sochii Zionism (Zaayonizimii) haalli asii olii kun (haalli baayi'inni ummataa fi qubatiinsa lafaa Paalistiini jiru) jijjiiramaa deemee biyyi Israa'el jedhamtu milkeessuudha. Kana milkeessuuf, sochiin kun Yahuudota Awuroopaa fi Raashiyaa keessatti jibbiinsi hamaan irra gahaa ture gara Paalisitiin akka deebi'an suuta suutan erguu jalqaba.
Imala kana (Aliyah) daran milkeessuuf akka idla-addunyaatti 'World Zionist Organization' marii duraa irratti kan hundeessan yoo ta'u, marii-waggaa marsaa shanaffaa irratti ammoo 'Jewish National Fund' hundeessu. Isaan kun lamaan Yihuudota Paalistinitti erguu irratti hujii baldhaa hojjatu. Paalistiin keessaatti Yihuudota Awuropaadha garas deeman kan simatu 'Jewish Agency for Palestine' kan booda irra Jewish Agency ta'u hundeessuun hojicha cimsanii itti deeman.
Yihuudonni biyya keessa (Paalistin) jiraataa turan Jewish Agency waliin ta'uun lafa bituun, manneen barnootaa ijaaruun, dhaabbilee fayyaa babaldhisuun, Yahuudota Paalistiinitti deebi'an akka gaaritti gargaaruu qaban. Jidduu bara 1881 fi 1914 (hanga waraanni addunyaa tokkooffaan) jalqabutti Yihuudonni kuma afurtama (~ 40,000) ta'an Raashiyaa fi Awuroopaa irraa gara Paalastiin deemanii qubatanii jiru. Warri qubatan kun ammoo aadaafi afaan Hibruu achitti akka babaldhatu xaaraa turan.
Bara 1914 Waraanni Addunyaa Tokkoffaan ni dhoha. German, Austro-Hungary fi Ottomaan Turkii garee tokko turan. Gareen isaanii Garee British, France fi Raashiyaatiin ni moyatama. Otomaan Turkiin waranicha irratti waan mohatameef, lafa baldhaa Impaayera Otomaan Turkii jala ture biyyoonni injifatan kun adda qoqqoodatu. Qoqqoodiinsa kanaan Paalistiin kan dura Otomaan jalatti bulaa turte–British (Ingilizootan) bara 1917 qabamti.
Biritishonni Paalistiin qabatu. Ministera hajaa-alaa British namni ture kan Arthur Balfour jedhamu labsii tokko baruma san (1917) baasa. Innis lafa Paalistiin irratti biyya (mootummaa) Jiwiish ijaaruu kan jedhudha. Labsiin kun 'Balfour Declaration' jedhama. Labsiin Balfour kun ammoo kan sochii Zionism jalqabamee ture san daran cimsuu danda'uudha.
Labsii kana booda Yihuudonni gara lafa Paalastiin tan British-iin jalatti bulaa jirtuu godaanan haalaan dabalan.
Kanaanis baay'inni isaanii kan bara 1880moota keessa %3 hin caalle ture, bara 1922 laakkofsi Yihuudota Paalistiin jiranii 83,790 (laakkofsi ummata waligalaa ammo 752,048) ture. Kan jechuun baay'inni Yihuudotaa gara %11 olsiiqe jechuu. Bara 1925 Hebrew Univeristy Jerusalem keessatti hundeessan. Inni kun deebi'aanii dandamachuu fi ijaaramaa dhufuu Yihuudotaaf (Israa'eliif) akka waan guddaatti ilallame. Imala Awuuropaa fi Raashiyaa irraa godhamuun laakkoofsi isaanii suuta suutaan akka dabalaa dhufu hojjatame.
Waggaa torba booda bara 1929tti laakkofsi Yahuudotaa 156,481 (kan waliigalaa ammoo 992,559) ta'e. Gara %16 ol siiqe jechuudha. Bara 1936 laakkofsa ummata waligaala 1,336,518 kana keessaa Yihuudonni gara 370,483 guddatan. Kun ammoo %28 ummata lafa sanii ta'an jechuudha.
As irratti hin dhaabbane kun yeroma yeroon dabalaa deeme. Demography (haala baay'innaafi facaatii ummataa) lafa sanii (Paalistiin) jijjiiruu cimsanii itti fuufan.
Yeroo kun hundi ta'u Araboonni Paalistiinii ta'anii ilaalaa turan moo gaafiin jedhu isin keessatti umaamuu hin oolu. Bara 1920 fi 1921 mormii fi jeequmsi guddaan Araboota Paalistiniitiin bulchiinsa Ingilizii (British) irratti sababa baay'innaan qubsiifamuu Yahuudoota irratti ka'ee ture.
Abbootiin amantaa, namoonni siyaasaa, beektonnii fi hoggantoonni hawaasaa Paalistin walitti dhufanii Palestinian National Congress bara 1919 (waggaa lama Labsii Balfour booda) hundeeffatanii turan. Dhaabbanni kunis gara Liigii Mootummootatti (League of Nations) Paalistiinii bilisa taate ijaaraachuu akka barbaadaniifi isa irratti akka Liigichi gargaaru xalayaan deddeebiin gaafataa ture. Garuu itti hin milkoofne. Itti milkaayuu dhabuu qofa otoo hintaane, Liigiin Mootummootaatuu Biritish haala Jiwishonni Paalistin irraatti biyya ta'uu danda'an irratti akka gargaartu 'mandate' (ajaja ykn hadaraa) itti kennee ture.
Baay'innaan qubsiifamaa dhufuu Yihuudotaa fi loogii Biritishoonni isaaniif godhan mormuun ammas bara 1929 Western Wall, Jerusalem keessatti hokkara uumameen Yihuudonni 133 fi Paalistiinonni 116 du'anii turan.
Biritishonni yeroo san: Yihudonni akka baay'innaan Awuuropaa irraa seenan, seenanis lafa bitachuu akka danda'an. Mana barnootaa, dhabbilee fayyaa fi sosochii diinagdee kan ummata kaan irraa addaa ta'e kan qophaa isaanii akka qabaatan. Caasaa mootummaa kan fakkaatu dalgaan akka tolfatan. Humna waraanas akka ijaaratan. Meeshaas hanga fedhan akka hidhatan—Yihuudota gargaaraa turan.
Biritishoonni: faallaa kanaan ammoo Paalistiinota cunqursaa, yoo morman hidhaa, hokkorri yoo ka'e ajjeesaa, qawwees hiikkachiisaa, lafa irraa buqqisaa, lafa san Yihuudonni bitanii akka irratti qubatan godhaa loogii (daba) Palistiinota irratti raawwataa turan.
Dhaabbileen Araboonni Paalistiin ijaaraa turaniifi ijaaramni isaan qabataa turan kan cunqursaa humna British dhaabuu danda'u hin turre.
Dabalataan, jibba-seemii Awuuropaafi Raashiyaa keessatti isaan irra gahaa ture dheessuun jidduu bara 1881 fi 1914 qofa keessatti Jiwiishonni (Yihuudonni) miliyoona lamaa ol ta'an (2,019,000) gara Ameerikaa baqatanii turan. Isan kun ammoo carra achi jiruun beekamtii gurguddaa gama aartiitiin, muuziqaatiin, fiilmiitiin, daldalaatiin, kalaqaan, industiriifi saayinsiitiin argataa turan. Siyaasa Ameerikaa keessattis hanga gorsitoota pirezedaantota Ameerikaa gahuu danda'anii turan. Iddoo dhiibbaa guddaa umuu danda'an akkasii irra gahuun isaanii ilaalaachafi imaammata alaa Ameerikaan dhimma Araboota Paalistiinii fi Yihuudota irratti hordoftu isaaniif kan loogu akka ta'u godhee jira. Kara kanaanis fayyadamuun Jiwishonni gargaarsaa guddaa kaayyoo biyya hundeessuu isanii milkessuuf argataa turan.
***
Yeroo Biritishoonni Paalistiin bulchaa turan san, bara 1933 Adolf Hitler mummee mootummaa (chancellor) biyya German ta'a.
Adolf Hitler nama Yahuudota akka malee jibbu ture. Jibba isaa kanas bifa ifa ta’een tarkaanfachiisa. Rakkoo German-iin mudataa tureef sababni jara jedha. Waraana Addunyaa Tokkoffaa irratti sababni German mooyamteef keessaa inni tokko Yihuudotuma as nu waliin jiraatantu nurratti shireeti jedha. Kufaatii diinagdee fi qaalayinsa hamaa waraanicha booda mudates jaratu harka keessaa qaba jedha.
Isaan German keessaa dhabama ta’an malee German jabaachuu fi deebitee ijaaramuun itti cima jedhee ifatti dubbata. Kanaanis lammilee heddu yaada isaa kana jalatti hiriirsisuu danda’a.
Adolf Hitler fi partiin isaa Naaziin German-ii akka sagantaa mootummatti qabachuun Awuroopaa Bahaa keessaa Yahuudota qulqulleessuf (balleessuuf) socho'an. Kabaja waggaa jahaffaa angoo qabatee irratti Adolf Hitler Yahuudota Awuroopaa keessaa balleessuun dirqama waan jedhu wahii ifatti bahee dubbate. Naaziin ilaalcha akkanaa tarkaanfachiisu kun bara 1939 Poland weeraruun Waraana Addunyaa Lammaffaa jalqaba.
Lola biyyoota ollaa isaanii wajjiin godhaa turaniifi akkasumas weerara Gamtaa Sooviyeet irraatti bara 1941 godhaniin lafti baldhaan Yahuudonni miiliyoona afur ta'an saboota biroo waliin keessa jiraatan isaan (Naazii) harkatti kufa (gala).
Naaziin Adoolf Hitler—jidduu bara 1941 fi bara 1945nii—boolla qochisiisaa rukuttaa rasaasaa jumlaan, waan akka koontenara sibilaa keessatti gaazii summa’oon ukkaamsanii ajjeesuun, hojii humnaa garmalee itti baay’isuun, beelaan adabuun, 'torture' godhuun, fannisuun, qorannoolee fayyaa lubbuu nama galaafatan irratti shaakaluun, yeroo cabbii imala dheeraa nyaataa fi dhugaatii malee akka deeman gochuun, wolitti qabee rashanuun—Naaziin German-ii—Yahuudota miiliyoona jahaa (miiliyoona 5.6 hanga 6.9 tilmaamaman) mucuq godhee fixe. Kun ammoo baay'inna Yahuudotaa yeroo san Awuroopaa keessa jiraataa turan keessaa lama-sadaffaa (2/3) kan ta’u jechuudha.
Duguuggaan sanyii fi dhumaatiin rifaasisaani Yihuudota Awuuropaa turan irratti Naazii Jarmaniin yeroo Waraana Addunyaa Lammafaa mudate kun "Holocaust" jedhamuun beekama. Wagga wagganis yaadatama.
***
Yeroon Naazii Jarmaan (Waarana Addunyaa Lammaffaa) Jiwiishotaaf yeroo hedduu ulfaataafi yeroo hamaa dhumaa ture.
Warri Naazii yeroo jalqabaa (waraana jalqabuu isaaniitin dura) akka sagantaatti kan qabatanii turan, Yihuudonni dhiibbaa isaan irra gahaa jiru arganii ofuma isaaniitii dheessanii haa baqataniif ture. Kan baqatan jiraanatis hedduun isaani naannoma jireenya isaaniitti itti fuufan. Ni baqanna yoma jedhanis, iddoon (biyyi) itti baqatanis waan salphaan argamu hin turre. Fakkeenyaaf, Muddee bara 1941 dooniin baqattoota Yihuudii 769 qabattee imalaa turte Turkiin seentee baqatuuf taanaan ni dhoowwamte, san booda biyya biras yaalte dhoowwamte, Inglizonnis akka isaan bira hin seenne dhoowwan. Booda irra doonattiin dhidhimtee lubbuun Yihuudota 769 sun darbe. Yeroo ulfaataa kanatti Jiwiishonni carraan qaban gara Paalistiinitti deebi'uu ykn dhumaatii itti dhufaa jiru dhandhamuu ture.
Isaanis sochii Zionism dura jalqabanii turan san cimsanii gara Paalistiin baqatuu itti fuufan. Yeroo British Paalistiin bulchaa turtetti jidduu bara 1917 fi 1947 (waggaa soddoma keessatti) Yihuudonni 400,000 (kuma dhibba afur ta'an) Raashiyaa fi Awuuroopaa irraa Paalistiinitti godaanuu danda'anii jiran. Kun ammoo baay'inni isaanii Paalistiinitti 1/3 (tokko-sadaffaa) ummata waliigalaa akka ta'u godhee jira.
****
Dhumaatii Holokaast (Holocaust) booda, ummanni addunyaa Yihuudotaaf haga tokko gara-nyaattoo muldhisuu eegale. Gara-nyaattoon kun ammoo akka kaayyoon isaanii kan Paalistiinitti deebi'anii biyya Israa'el jedhamtu ijaarachuuf qaban sun ija badaan hin-ilaallamne godheef. San irras taree, dhimmi isaanii dhimma mootummoota adda addaa mariisisu ta'e.
Yaa'ii Waliigalaa Mootummoota Gamtoomanii (General Assembly of UN) Kan onkoloolessa bara 1947 godhameen dhimma Paalistiiniifi Israa'el ijoo dubbii ture. Yaa'icha irrattis murtiin darbe. Murtiin kunis Partition Resolution (UN Resolution 181) jedhama. Murtiin sun qoqqooddaan lafaa (Paalistiinii) jidduu Araboota Paalistiinii fi Yihuudota (Israa'eel) akka ta'u murtii dabarsa. Partition Resolution (murtiin qoqqoodaa lafaa) kun: lafa %54 ta'u Israa'eliif, %45 kan ta'u ammoo Paalistiiniif kan kennu yoo ta'u, Magaalaan Jerusalem waan hiikkoo amantaa guddaa qabduuf bulchiinsa Idla-adunyaa jalaatti akka Mootummoota Gamtoomaniin bultu kan jedhu ture.
Yeroo san (bara 1947) baay'inni ummata Paalistiinii %67 kan ta'u, lafti qabatanii jiran ammoo %93 kan ta'u waan tureef Araboonni Paalistiin murtee Mootummoota Gamtoomanii kana kan hin fudhanne ta'uu morman. Murteen kun gonkumaa haqa-qabeessaa miti jedhanii Paalistiinoonni mormii garagaraatiin muldhisan.
Murteen kun darbee ji'a torba booda, (Caamsaa 14, bara 1948) Ingilizonni lafa Paalistiin kan Otomaan booda waggaa soddomaaf bulchaa turan dhiisanii bahuuf akka qophii xumuran lallaban.
Galgaluma Caamsaa 14 san, haala qoqqoodiinsa Mootummoota Gamtoomanii saniin Israa'eloonni Mootummaa Israa'el (State of Israel) hundeeffachuu isaanii addunyaaf labsan. UN-nis beekamtii kennuufi ibse.
Labsiin Yihuudonni lafa %7 ta'u qofa qabatanii lafa UN jedhu %54 irratti biyya taane jedhan sun, ganamuma itti-aanu waraana baldhaa biyyoota Arabaa shan (Lebanon, Jordan, Syria, Iraaq fi Masrii) irraa isanaatti akka jalqabu godhe. Waraanni kun (Arab- Israel War of 1948 ykn First Arab Israel War) jedhamee beekkama.
Araboonni magaala guddoo Yihuudonni tolfatan Tel Aviv xiyyaraan haleeluun waraanicha jalqaban. Yihudonnis ofirraa lolan. Booda Ingilizonni ni baana jedhan deeggarsa Isra'eeliif gochuun Isra'elonni of-ittisuu irraa gara haleeluutti akka ce'an gargaaran. Waraana ji'a sagal fudhate booda Yihuudonni waraanicha mohachuun lafa dabalata kan UN murteesseef irra taranii Paalistiin qabatan. Lafa %7 qabatanii turan irraa %78 to'atanii waraanicha injifatan. Palistiinonni lafa san irra turan akkam ta'u? Yihuudonni tooftaa akkamiitiin mohota? San booda hoo maaltu mudata kan jedhu irratti kutaa itti-aanuun walitti haa deebinu moo haa nu gahu?
________________________________________________________________
Co
- Get link
- X
- Other Apps
- Get link
- X
- Other Apps






Comments
Post a Comment