Skip to main content

Ana, Nageessaa Oddo Duubee, Taye Dendea Aredo, Hacaaluu Hundessaa fi Jawar Mohammed

"Ana, Nageessaa Oddo Duubee, Taye Dendea Aredo, Hacaaluu Hundessaa fi Jawar Mohammed"

Waxabajjii 30, 2025




Ani ilma Tuulaati. Tuulaan abbaa gadaa naannoo ani itti dhaladheetti. Shanacha gosaati. Jaarsummaa inni keessatti argame namni shakku hin jiru. Abbaa nama maraati. Dhugaa dubbatee dhugaan bula. Namni cufti (Oromoo fi kan Oromoo hin ta’inis) daaddaa jedhanii waamu. Dad in english. I am proud of him. Ani nama kana jalatti guddadhe. Dhugaa dubbanna… Yoo dhugaa dabsinee soba dubbanne Waaqni nu hin dhiisuuf sodaanna!! Kan hardha dubbachuuf deemu dhugaa fi dhugaa qofa ta’uu kakuudhaan ilmaan namaa, ilmaan Oromoo cufaaf mirkaneessuu fedha!
Ani nama dhugaan bulu. Kan na beeku na beeka. Maatinis firris hiriyyaanis na beeka. Dhugaa irraa hin dabu. Suni ana. Uumama kiyya.
Hardha dhugaa dubbachuuf dhufe.


Nageessoo Oddoo Duubee





Nagessa Oddo Dube
, nama ni gaafa duriitii kaasee beekuti hardha akka dhugaa dubbadhu na kaase. Nageessaa ani osoo inni na hin beekin isa beekaan ture. Kan isa beeku karaa Taye Dendea Aredo ture. Bara Aab Taye waliin qabsoofnu (Taayyeen hooggana qabsoo koo ture) sana Nageessaa beekaan ture. Bara sana Nageessaan damee qorqortii keenya ture. Damee basaasaa jechuu dha. Jechuun, damee basaasaa Tigree (Getachew Asaffaa) keessa galee akka nuuf basaasu Taayyeedhaan ramadamee akka raawwatu ramadamee ture. Yeroo sanatti nu basaasaa turuu fi nuuf basaasaa turuu kan beeku Nageessaa qofa ture.


Ilma Danda'aa Araddoo



Taayyeen ana waamee yeroo tokko kuunnoo laali, dameen qorqortii keenya sanaa, naan jedhee fagoo irraa fuundura University Finfinnee 6-kiilotti Nageessaa natti garsiise. Nageessaan gurraacha xibiluu fuulli isaa areedaan guuttame nama leenca fakkaatu wayii ture. Yeroo sanatti ani onnee malee bilchina jabaa waan hin qabneef waan Taayyeen naan jedhu hunda akka jecha Waaqaatti amanaan ture. Dhugaa irratti ammas Taayyee nan amana. Ammoo yeroo sanatti Nageessaan nuuf basaasaa turee fi nu basaasaa turuu baay’ee hin beeknu. Taayyeen yeroo sana Nageessaa biraa University Finfinnee duraa qabamee hidhame. Dhugaa sana ammas Waaqa qofatu beeka. Nageessaan basaasa Tigreef turuu fi dhiisuu ani hin beeku. Waaqaa fi Nageessaa qofatu beeka!


Jawaar Mohaamad

Jawar bara 2010 irraa kaaseen beeka. Bara sana ani biyya ture. Jawar kana media habesha tokko tokko irrattin argaan ture. Taayyeen garuu bara 2008 kaasee akka dargageessa jabaa America jiraatu tokko beekutti natti himee ture. Karaa Darajjee Daadhii nama jedhamutti beeka. Iccitii yeroo sana Taayyeen natti dubbate amma asitti hin dubbadhu. Ani garuu bara 2010 Jawaariin walitti bu’e. Yeroo sana nu hunduu hoo’aa waan turreef wal hin qusannuun ture. Dhaqeetuma Facebook gubbatti Jawar irraa dhukkee kaase. Jawar unfriend na godhe.


Jawar bara 2010 irraa kaaseen beeka. Bara sana ani biyya ture. Jawar kana media habesha tokko tokko irrattin argaan ture. Taayyeen garuu bara 2008 kaasee akka dargageessa jabaa America jiraatu tokko beekutti natti himee ture. Karaa Darajjee Daadhii nama jedhamutti beeka. Iccitii yeroo sana Taayyeen natti dubbate amma asitti hin dubbadhu. Ani garuu bara 2010 Jawaariin walitti bu’e. Yeroo sana nu hunduu hoo’aa waan turreef wal hin qusannuun ture. Dhaqeetuma Facebook gubbatti Jawar irraa dhukkee kaase. Jawar unfriend na godhe.
Gara biyya America dhufne. Bara 2012/13 irraa kaasnee Nagessa Duubee waliin walqunnamtii karaa bilbilaafi social medai qabnaan ture. Yeroo sanatti Taayyeen mana hidhaa ture. Anii fi Nageessaan karaa kamiin akka Taayyee gargaarru irratti waliin dubbataa turre. Dabalataan waa’ee Jawar kana dubbachuu eegalle. Nageessaan Jawar hamata. Anis Jawar irraa gadoo inni Facebook irraa unfriend na godhe qaba. Jawar kana ni hamanna akka malee. Garuu garaa garummaas qabna. Ani Jawar irraa dhimma dhuunfaa hin qabu. Isaanis hin dorgomu. Garaagarummaa ideology qabnaan ture. Only ideological difference at that time. Nageessaan garuu Jawar waliin dorgommii ajaa’ibaa qabaan ture. Akkamitti Jawar ana caalaa beekkamtii qabaata? Akkamitti Jawar ana caala? Jawar wanti ana caaluuf gosti tiyya akka gosa Jawar waan ana hin deeggarreef… Yaada jedhu qabaan ture Nageessaan.

Bara 2013/14 Jawar diina keessaa fi alaa hedduu horatee ture. Tokko tokko warra isa waliin hojjetan turan (OMN). Warri gara keenyaa Jawaritti hinaafan keessaan isa qaban. Warri kuuni ammoo “Jawar Ethiopia first jedhuu dhiisee Oromo first jedhe” jedhanii isa qaban. Anis warra Jawaritti duulu keessaa tokko ture. Namootni Oromoo ani waliin Jawaaritti duulaa ture tokko Nageessaa dha. Tokko Ashanaafii Addunyaa nama jedhamu obboleessa haadha manaa Nageessaati. Ashanaafiin amma maqaa jijjiiratee Milkii Addunyaati. Yeroo sana maqaa Tokkummaa hidhamtoota Oromoo jedhu qabaan ture. Halkan guyyaa waanuma Jawar lallabaan ture. Ni abaara. Ni balaaleffata. Ni arrabsa. Ganamas.. galgalas.. dhimmi isaa Jawaruma ture. Namni kuni amma biyya jira. Biyyatti waan inni hojjetaa jiru asitti hin dubbadhu. 




Haacaaluu Hundeessaa

Booda….

Dubbii jibbansa Jawar kana gara Haacaaluu fidan. Haacaaluun bara 2012/13 biyya America keessa concert adda addaa irra ture. Abbush Zallaqee, Nugusuu fi Haacaaluun diaspora Oromo America jiru kana jabo sochoosan. Ashanaafii (namni yeroo sana tokkummaa hidhamtoota Oromoo jedhee Facebook irratti barreessu suni) maqaa Ambootiin (Ashanaafiin nama Ambooti) Haacaaluu kana qabanii gara barbaadanitti oofuu yaalaa turan. Nama nuti mormine mormuu qabda, nama nuti jaalanne jaalachuu qabda principle jedhu baasaafii turan. Yeroo sanatti oduu adda addaa Jawar fi Haacaaluu jidduu oofuu eegalan. Yeroma sana Jawar Haacaaluun OMN-f sirbi jedhee Haacaaluun dide jedhanii oofan. Nageessaa fi Ashanaafiin jechuu dha. Dubbii kanaa naan gayan.
Bilbila Haacaaluuu naaf kennanii bilbiliif naan jedhan. Nan bilbileef. Haacaaluun Facebook irratti na beeka. Kabajaa naaf qabaan ture. Gaafan ani bilbiluuf kabajaan na haasofsiise. Dubbii Jawar OMN-f sirbi jedhee Haacaaluun jedhan kana itti kaase. Haacaaluun sagalee dallansuu miira tuffii fi raajeffannoon natti dubbate. Na arrabsuu hin barbaadne. Naanin loluu hin feene. Garuu dubbii sana na harkatti kuffise. Dubbii akkanaa dhiisi naan jedhe. Soba naan jedhe!!
Booda,
Haacaaluun gara biyyaa gale. Bara 2014/15 seeya. Ofumaa Facebook messenger irratti naaf bilbile. Sa’aa tokkoo oliif haasofne. Ajendaa hedduu irraa haasofne. Waan Jawar waa guddoo naan jedhe. Gurbaan diimaan kuni nama waan ta’eef dogoggoruu mala, balleessuus mala, hoo’uus mala.. garuu hin tuqinaa naan jedhe. Irra deebi’ee gurbaa diimaa kana hin tuqinaa naan jedhe. Never naan jedhe irra deebi’ee!
Ani duulaa Jawar irratti godhaa ture osoo Haacaaluun na hin gorsin dhiise. Akkamitti? Nageessaan faati duula dorgommii, duula jibbaa, duula faayidaa fi duula ergama diinaa ta’uu bareen boodatti biraa deebi’e. Haceen garuu nama Nageessaan fa’a maqaa isaatiin daldalan miti. Maal goona, leenca lubbuun hin jirre adurreen maqaa isaatiin buluu feeti!


Xumura:

Haacaaluun bakka dhugaa jira. Waan ani jedhe kana naa mirkaneessuu hin danda’u. Waan Nageessaan jedhes falmuu hin danda’u. Ani garuu dhugaa waaqaa qabadheen dhugaa boru waaqa biratti gaafatamus barreese. Waan akkanaatiin maqaa Haacaaluu kaasuuf yaadas hin qabuun ture. Garuu namootni shiraa kan akka Nageessaa maqaa nama kabajamaa kanaa akka haala kanaan kaasu na godhan. Cubbuun isaaniif haa taatu!
Osoo jennuu.. Nageessaan nama umrii isaa guutuu Jawaaritti hinaafu.. Jawaariin dorgomuu yaalu.. jiraatuu biyya Amerikaa namni hundi hojjetee jiraatu keessatti waan isa hin madaalle keessatti ofi gatee jiraatuu dha. Salphina isaa asitti hin kaasu amma!

Comments

Popular posts from this blog

License Plates and Power: What Vehicle Registration Systems Reveal About Federalism, Decentralization and Centralization — Around the World

   License Plates and Power: What Vehicle Registration Systems Reveal About Federalism, Decentralization and Centralization — Around the World 

🌾 Waaqa: The Oromo Concept of God and Its Comparison with Islam

🌍 Waaqa Tokkicha and Tawḥīd: Understanding the Oromo Concept of God in Comparison with Islam  Across Africa, long before the arrival of organized world religions, many communities already believed in a Supreme Creator who governed life, nature, and morality. Among the Oromo, this divine being is known as Waaqa Tokkicha — the One God who created and sustains everything. With the coming of Islam and Christianity, this indigenous understanding encountered new theological systems, raising important questions of continuity and contrast. Today, one of those questions re-emerges during Irreecha , the Oromo thanksgiving festival: can a Muslim participate in Irreecha without violating the principle of Tawḥīd — the Oneness of Allah? To explore that, we must first understand the essence of Waaqa, the Oromo concept of divine unity, and compare it with the Islamic and broader monotheistic traditions.  1. Oromo Indigenous Belief: The Concept of Waaqa Before the spread of Islam and Chris...

Turtii Addaa Taayyee Danda'aa Waliin

Turtii Addaa Taayyee Danda'aa Waliin